Naannoon Oromiyaa Invastaroota Jajjabeessuuf Gufuulee Hojiisaaaniirratti Mudatan Hiikuuf Hojjechaan Jira Jedhe

51

Adoolessa 2/2011 (TOI) Naannoon Oromiyaa Invastaroota naannicha keessatti hojjetan jajjabeessuuf gufuulee hojiirratti isaan mudatan hiikuuf hojjechaa akka jiru beeksise.

Aanga'oonni olaanoon naannichaa Finfinneetti dhihoo kan taate industiriiwwan Iiroo keebil, industirii sibiilaa Aarkii fi Waarkaa magaalaa Galaanitti argaman daawwataniiru.

Daawannaa kanarratti kan argaman waajjira ODPtti Itti gaafatamaan gurmaa'insa magaalaa obbo Kaasahuun Goofee tajaajila oduu Itiyoophiyatti akka himanitti, kaayoon daawannaa kanaa rakkoolee gama invastimantiin jiran adda baasuu fi furmaata fiduufi.

Magaalaa Galaanitti pirojektoonni invastimantii hedduun akka jiran kan eeran obbo Kaasahuun, mootummaan naannichaa abootii qabeenyaa pirojektii misoomaa hojiirra oolchanii fi carraa hojii uuman deeggaruuf kutannoo akka qabu hubachiisaniiru.

Itti fufuudhaan mootummaan naannichaa rakkoolee damee kanarratti mul'atan hiikuun akka danda'amu abbootii qabeenyaa waliin hojjechuuf qophii akka ta;'e mirkaneessaniiru.

Obbo Kaasahuun akka eeranitti, mootummaan invastarootaaf hatattamaan bakka hojii akka dhiheessu ibsanii, kiraa sassaabdotaaf garuu obsa akka hin qabaanne yaadachiisaniiru.

Naanichi gara misooma si'ataa fi hunda qabeessaatti cehuusaa kan dubbatan obbo kaasaahuun bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa naannicha jiddu galeessa invastimantii taasisuuf hojjechaa akka jiru cimsanii kaasaniiru.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Galaan obbo Umar Indiriis gamasaaniitiin, magaalaan Galaan daftee guddachuusheetiin magaaloota industiriin keessatti guddatan keessaa tokko ta'aa akka jirtu himaniiru.

Itti fufuudhaanis, abbootii qabeenyaa dameelee huccuu, sibiilaa, agiroo piroosesiingii, dabalatee dameelee maanuufaakcheriingii irratti bobba'an deeggaruuf hojiiwwan addaddaa hojjetamaa akka jiran ibsaniiru.

Magaalaa Galaan invastaroonni 114 hojiirra kan jiran yoo ta'u, dargaggoota kuma 10 ta'aniif carraa hojii uumaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015