Abbootiin Qabeenyaa Sabbatatti Argaman Rakkoonsaanii Akka Hiikamuuf Gaafatan

59

Adoolessa 2/2011 TOI) Abbootiin qabeenyaa naannoo Oromiyaa magaalaa Sabbataatti argaman rakkoo hojii isaaniirratti isaan mudachaa jiru mootummaan akka hiikuuf gaafatan.

Mootummaan naannichaa gamasaatiin rakkoo isaan mudatu hiikuun akka danda'amu qorannoo eegale xumuraa jira, rakkoolee jiran hiikuuf tarkaanfii ni fudhata jedheera.

Naannichatti daawwannaan sadarkaa sochiin dinagdee dhuunfaa irra jiru qorachuudhaan tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban sakatta'uu kaayyoo godhate  har'a magaalaalee naannichaa sagal keessatti taasifameera.

Daawwannaan kun invastimantii naannichaa caalaatti kakaasuu fi mootummaan itti gaafatama qabu akka ba'u gochuu fi akkasumas rakkoolee fuulduraaf ka'an karaa hiikuun itti danda'amu fala kaa'uudha.

Haala kanaan jilli garee mootummaa naannichaa itti gaafatamaa waajjira paartii demokiraasii Oromoo(ODP) obbo Addisuu Aragaatiin hoogganame sochii hojii warshaalee magaalaa Sabbataatti argamanii daawwateera.

Gareen kun warshaa keebilii BMET, Warshaa huccuu Arbaa Miincii fi Warshaaleen bishaan Waan daawwateera.

Wayituma kana abootiin qabeenyaa fi qaamoleen hoggansa mootummaa marii kan taasisan yoo ta'u, rakkoo warshaalee naannicha keessatti argamanii hunda hiikuuf mootummaa xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru marii kanarratti ibsameera.

Dameen dhuunfaa carraa hojii bal'aa uumuudhaan sharafa biyya alaa argamsiisuudhaan hojii jajjabeessaa hojjechaa akka jiru himameera.

Haa ta'u malee sharafa alaa, iddoo babal'ifannaa, humna ibsaa fi rakkooleen wal fakkaatan akka hiikamuuf abbootiin qabeenyaa gaafataniiru.

Rakkoolee kanneenirraa kan ka'e humna guutuudhaan oomishaa akka hin jirre abbootiin qabeenyaa dubbataniiru.

Garee kana kan gaggeessan obbo Addisuu Araggaa gamasaaniitiin mootummaan rakkoolee naannicha keessa jiran hiikuu kan dandeessisu qorannoo adeemsisaa akka jiru ibsaniiru.

Qorannoon kun yeroo dhihoo keessatti akka xumuramuu fi hooggantoonni naannichaa bu'aa qorannoorratti abbootii qabeenyaa waliin mari'achuudhaan rakkoolee jiraniif furmaanni akka kaa'amuuf mirkaneessaniiru.

Akkasumas abbootiin qabeenyaa humna guutuudhaan hojjechuu akka danda'an mootummaan naannichaa deeggarsa kan taasisu ta'uu obbo Addisuun ibsaniiru.

Hudhaalee Qaraxaa fi Imaammata waliin wal qabatanii jiran akka hiikaman qaamoleen dhimmi ilaalu bakka argamanitti fuulduraaf mariin akka adeemsifamu dubbataniiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaa damee dhuunfaa jajjabeessuudhaan, deeggaruudhaan jiddu gala industirii fi invastimantii gochuudhaaf hojjechaa akka jiru ibsameera.

Mootummaan abbootii qabeenyaa jajjabeessuudhaaf yoomiyyuu caalaa kutannoon hojjechaa jira, haata'u malee lafa fudhachuudhaan waan hin taanerra kan oolchan irratti tarkaanfii sirreessaa ni fudhata jedhaniiru obbo Addisuu Araggaa.

Rakkooleen abbootin qabeenyaa kaasan adeemsaan akka hiikaman ibsanii, rakkooleen sadarkaa naannootti hin hiikamne ammoo qaamolee dhimmi ilaalu waliin hiikuuf akka hojjetamu dubbataniiru.

Kana malees qaamolee  ta'e jedhanii nageenya industirii gufachiisuuf socho'an irratti mootummaan tarkaanfii seera kabachiisuu akka fudhatu obbo Addisuun hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015