Galii Taaksii Biyyattii Irraa Sassaabamuu Qabu Keessaa Sassaabamaa Kan Jiru Harka Sadii keessaa Harka Tokko Qofaadha - ENA Afaan Oromoo
Galii Taaksii Biyyattii Irraa Sassaabamuu Qabu Keessaa Sassaabamaa Kan Jiru Harka Sadii keessaa Harka Tokko Qofaadha
Adoolesssa 1/2011 Galiin taaksii Itiyoophiyaan argattu kan duriirraa fooyya’aa ta’us, ammayyuu sassaabamuu kan qabamu harka sadii keessaa harka tokko qofa ta’uusaa muummichi ministiraa doktar Abiyyi Ahmad ibsan.
Taaksii Sassaabamu guddisuuf tarkaanfiiwwan garaagaraa akka fudhatamanis dubbataniiru.
Bajata haaraa kanarratti manni maree bakka bu’oota ummataa har’a walga’ii ariifachiisaa taasise irratti kan argaman ministirri muummee, galii mootummaa guddisuuf hundee kaffaltoota gibiraa bal’isuurraa eegalee tarkaanfiin sirreeffamaa ni fudhama jedhan.
``Kanaaf hubannoo uumuu fi lakkoofsa kaffaltoota gibiraa fi taaksii baay’isuun hojii keenya olaanaa ta’uu qaba`` jechuun dubbataniiru.
Dabalataan mootummaan karaa gibirri itti sassaabamu ammayyeessuun lammiilee dirqama kaffaltii gibiraa ba’aniif badhaasa beekamtii kennuu fi adeemsa hojii mijataa uumuun akka jalqabamu beeksisaniiru.
Galii guddisuuf tarkaanfiilee fudhataman keessaa tokko hojii fooyya’insa taarifa gumuruk dha kan jedhan doktar Abiyyi, carraan qaraxarraa bilisaa qaamolee kennamuufiif of eeggannoo guddaa taasisuun akka barbaachisu akeekkachiisaniiru.
Hanga ammaatti adeemsa tureen of eeggannoon osoo hin qoratamiin abbootii qabeenyaa baay’eef carraan adeemsaa ittiin kennamu jiraachuu isaa dubbatanii, kun sirrii akka hin taanee fi hafuu akka qabus beeksisaniiru.
Abbootiin qabeenyaa carraan qaraxaarraa bilisaa kennamuuf kunneen faayidaa isaan biyyaaf gumaachan, ulaagaa carraan kun itti kennamu karaa ifa ta’ee fi of eeggannoon guutamee hojjetamuu qaba jedhan.
Dabalataan kaffalaan gibiraa karaa garaagaraa maallaqa mootummaan galchu maaltu itti hojjetame, misooma maaliif oole, akkamitti itti fayyadaman kan jedhu adeemsa ittiin to’atan uumamuu qaba jechuun ibsaniiru.
Kanaaf kaffalaan gibiraa mataansaa taaksiin mootummaaf kaffalamu madda bilisaa, nageenyaa fi bu’uraalee misoomaa ta’uusaa beekee kaffaluuf dandeessisas jedhan.
Mootummaan bara 2010 darbe taaksii Birrii biiliyoona 230 funaanuuf karoorfatee sassaabuu kan danda’e biiliyoona 176 ture.
Bara bajataa xumurametti ji’oottan 11f immoo taaksiirraa Birrii biiliyoona 175 tuqaa 5 funaanameera.