Nama Imaanaa Mootummaa Hatu Obsuu Hin dandeenyu --- Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad

68

Adoolessa 1/2011 (TOI) Qaamota qisaasa qabeenyaa fi malaammaltummaa irratti hirmaatan kamiyyuu mootummaan akka hin obsine ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dubbatan.

Ministirri muummee marii wixinee bajataa bara 2012 irratti miseensota mana maree bakka bu’oota ummataa irraa gaaffii dhihaateef deebii kennaniin, malaammaltummaa fi qabeenyaa sirnaan itti fayyadamuu dhabuudhaan qabeenyi biyyattii waan qisaasamuuf dinagdee biyyaarratti dhiibbaa geessisaa akka jiru dubbataniiru.

Qaamota imaanaa ummataa fi mootummaa fudhatanii maallaqa qisaasanii fi gocha malaammaltummaa keessa galan irratti to’annoon cimaan akka taasifamu dubbataniiru.

Ministirri muummee Abiyyi akka jedhanitti, qabeenyaa sadarkaa biyyaatti tajaajilan sirnaan dhabamsiisuu fi qabeenyaa sirnaan itti fayyadamuu irratti hanqina guddaatu jira.

Anga’oonni mootummaa qabeenyaawwan fayyaduu danda’an suphanii akka itti fayyadaman, kanneen tajaajila hin kennine ammoo gurgurtaa fi karaa sirrii ta’een yeroon akka dhabamsiisan gaafataniiru.

Kana ilaalchisee mana mare dabalatee itti fayyadamaa fi dhabamsiisa qabeenyaa irratti to’annoo cimaa akka taasisanii fi dhaabbileenis xiyyeeffannoo kennanii fooyya’insa fiduu akka qaban akeekkachiisaniiru. Itti fayyadama qabeenyaa ilaalchisee akka biyyaatii hawaasa hunda biratti jijjiiramni ilaalchaa dhufuu dandeenyaan dinagdee biyyaarratti bu’aa gaarii fiduun akka danda’amu himaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015