Namichi Bosona Ummanni Misoomse Cire Hidhaa Waggaa Shaniin Adabame

160

Waxabajji 29/2011 Godina Shawaa lixaa aanaa Baakkoo Tibbee bosona lafa hektaara lama irra ture cireera namichi jedhame hidhaa cimaa waggaa shaniiniin adabamuu isaa manni murtii aanichaa beeksise.

Murtiin kun kan murteeffame namicha Boggaalee jedhamu irratti.

Abbaan seeraa mana murtii aanichaa obbo Misgaanuu Booraa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf akka ibasanitti, murtiin namicha kanarratti murtaa’e bara 2010 guyyoota garaagaraa aanaa Baakkoo Tibbee ganda Barii Aabboo naannoo `Laga Xabalaa` jedhamutti kan argamuu fi qabeenya bosonaa ummanni misoomse eeyyama tokko malee barbadeessuun isaa ragaan mirkaneeffameera.

Dhimma kana ilaalaa kan ture manni murtii aanichaa dhaddacha kaleessa ooleen namni kun hidhaa cimaa waggaa shaniin akka adabamu murtii dabarsuu isaa obbo Misgaanuun beeksisaniiru.

Yakkamaan kun himata kana akka ofirraa ittisuuf carraan kennamuufis ofirraa ittisuu dadhabuu isaa dabalanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015