Muummichi Ministiraa Doktar Abiyyi Ahimad Ummataa fi Humnoota Sudaaniin Baga Gammaddan jedhan

52

Waxabajji 28/2011Muummichi ministiraa doktar Abiyyi Ahimad ummataa fi humnoota Sudaaniin ergaa  baga gammaddanii dhaamaniiru.

Doktar Abiyyi ergaa dabarsaniin manni maree ce'umsaa raayyaa ittisa biyyaa Sudaanii fi humnoonni mormitootaa walii galteerra ga'uun ummataa fi guutuu biyyattiif  gammachuudha jedhan.

Sudaanitti nagaa fi tasgabbiin akka bu'u taa'anii mari'achuun murteessaa akka ture yaadachiisaniiru.

Yaada marichaa kan dhiyeesse Itoophiyaa fi Gamtaa Afriikaati.

Marii gaggeeffamuun qooda fudhattoonni martinuu hirmaachuun isaanii furmaataaf geessisuu isaa eeraniiru.

Marichi walii galteerra akka qaqqabu Sudaanitti ergamaan addaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Mahaammad Driirii fi ergamaan addaa gamtaa Afrikaa Mahaammad Hasan Al Labaat gumaacha olaanaa taphataniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa Sudaanitti nagaa fi tasgabbii waaraan akka bu'u tumsa obbolummaa ni taasisas jechuun ministirrri muummee ergaa isaaniin ibsuu isaanii OBN gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015