Konfiraansiin Nageenyaa fi Misoomaa Guutuu Oromiyaatti Gaggeeffamaa jira

56

Waxabajjii 28/2011 Konfiraansiin nageenyaa godinaalee, bulchiinsa magaalotaa fi aanaalee Oromiyaa hunda keessatti gaggeeffamaa jira.

Sagantaa marii kanaan guutuu Oromiyaatti nageenya amansiisaa fiduu, olaantummaa seeraa kabachiisuu, ummanni misoomarratti bobba’uun fayyadamaa akka ta’uu fi jijjiirama dhufe milkeessuuf akka ta’e hubatameera.

Rakkoolee mudatan qolachuuf tokko ta’uun furmaata barbaaduu irratti xiyyeeffachuun ni mari’atama.

Jijjiirama eegalame itti fufsiisuuf injifannoo arganne tikfachaa gara boqonnaa olaanaatti ni ceesifna, jijjiiramni gaggeessummaa doktar Abiyyiin argame akka itti fufuuf nageenya Keenya eeggataa, misooma ariifachiisaan fayyadamaa ta’uuf ga’ee Keenya ni baana ergaa jedhuun gaggeeffamaa akka jiru biiroon dhimmoota Komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015