Eertiraa fi Suudaan daangaa cufamee ture banuuf waliigalan

102

Waxabajjii 26/2011 Eertiraa fi Suudaan daangaa biyyoota lamaan gidduu cufamee ture banuuf marii guyyaa kaleessaa magaalaa Asmaraatti taasifameen waliigaluun isaanii ibsame.

Mariin kuni Pirezidaantii Ertiraa Isaayyaas Afawarqii fi Hogganaa Itti - aanaa Mana Maree ce'umsaa kan Suudaan Letinaant Janaraal Mohaammad Hamdan Dagaloo waliin taasifame.

Suudaan  ALA  2018'tti seera malee ce'uu fi  daddabarsa namootaa himachuun daangaa Eertiraa waliin walitti ishee fidu akka cufte ni yaadatama.

Kibxataa darbe Ministeerri Odeeffannoo Eertiraa Yamaanaa G/Masqal fuula tiwitara isaanii irratti akka barreessanitti biyyoonni lamaan waligalteen kuni akkaataa itti raawwatu irratti koree ijaaruf walii galaniiru.

Hariiroon dippilomaasii biyyoota lamaanii bara pirezidaantiin duraanii Omar Haasan al - Bashir aangoorra turan gaarii hin turre.

Booda kana garuu hariiroon Eertiraafi Mana Maree Waraanaa ce'umsa kan Sudaan gidduu jiru cimuu isaa kan gabaase BBC dha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015