Magaalaa Naqamteetti Bunni Seeraan Alaa kuntaalli 41 To'annoo Jala Oole

72

Naqamtee waxabajjii 26/2011 Bunni seeraan alaa godina wallaga bahaa magaalaa Naqamtee irraa gara Finfnneetti seeraan ala fe’amee deemuuf osoo jedhu qabamu isaa poolisiin beeksiseera.  

Bunni  kuntaalli 41 seeran ala fe’amee osoo deemaa jiruu magaalaa Naqamteetti  qabamuusaa poolisiin kan ibse yoo ta’u, bunni kun  qarshii kuma 265 kan baasu ta'uus  himame jira.

Itti gaafatamaan qajeelcha poolisii aanaa tokkoo Saajin Naggaa Baqqalaa Tajaajila Oduu Itoophiyaaf akka ibsanitti, bunni kun kan qabame hawaasni magaalichaa eeruu poolisiif kennaniin..   

waxabajjii 25 bara 2011 konkolaataa fe’insaa “ISUZU” lakkoofsi gabatee isaa koodii 3-04255 A.A tti fe’amee utuu deemuuf jedhu magaalaa Naqamtee ganda 03tti qabamuu isaas himaniiru.   

Konkolaachisaan buna kana fe’e eeyyama malee gubbaan kophee milaa ciccitaa jalattimmoo buna seeraan alaa fe’uun Naqamtee gara Finfnneetti fe'uuf yaaluun isaa himame.    

Saajin naggaan akka jedhanitti, “ konkolaachisaan konkolaataa kanaa  poolisiin qabamee seera jala ooluun sakatta’insa barbaachisaa ta’e godhaa jirra ” jedhaniiru.   

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015