Haleellaa Buufata godaantotaa Liibiyaatti irratti taasifameen namoonni 40n du'an

70

Waxabajjii 26/2011 Liibiyaatti Haleellan xayyaaraa bakka buufata godaantotaa irratti raawwateen namoonni 40 ta'an ajjeefamuu aanga'oonni biyyattii ibsan.

Magaalaa Tiriippoolii gara bahaa qarqara irratti  haleellaan xayyaaaran muudaten  namootni 80 kan ta’an madeesseeras jedhame.  

Namoonni ajjeefaman hedduun isaanii godaantota biyyoota Afrikaa garaagaraa akka ta'an himama jira.

Dubbi himaan tajaajila yeroo balaa Osaamaa Alii AFPtti akka himanitti buufata haleellaa qilleensarraa kanaan namootni du'an lakkoofsi isaani dabaluu danda'a.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irraa deeggarsa kan qaban Ministirri Muummee biyyattii Fayiiz al-Serra ibsa baasaniijn rakkoo muudateef Waraana Biyyaalessaa Liibiyaatu itti gaafatamaa jedhaniiru.

Ibsi kun akka jedhutti haleellaan kun itti kan karoorfamee fi yakka suukanneessaa dha jedheera.

Dhiyeenya kana Liibiyaa bakka godaantonni gara biyyoota Awurooppaa garaagaraa seenuuf haala itti mijeeffatan taateetti jechuun kan gabaase  BBC dha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015