Godina Harargee lixaatti Talaalliin Koleeraa Namoota Kuma 300f Kennamaa Jira

72

Ciroo Waxabajji 25/2011 Godina Harargee lixaatti talaalliin dhukkuba koleeraa namoota kuma 300f  kennamaa akka jiru ibsame.

Itti gaafatamaan qajeelcha fayyaa godinichaa obbo Ahmad Mahaammad Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf akka ibsanitti,  talaalliin kun kennamaa kan jiru aanolee shan keessatti jiraattota gandoolee 47tti argamaniif.

Aanolee kanatti talaalliin kun kan kennameef ji’oota lamaan darbanitti dhukkubichi mudachuu isaatiin akka ta’e dha obbo Ahmad kan dubbatan.

Talaalliin kun kaleessaa eegalee aanolee Ancaar, Gammachiis, Odaa bultum, Ciroo fi Bordaddeetti kennamaa jira.

Godinichatti namoonni 322 dhukkuba kanaan kan qabaman yoo ta’u, lubbuun namoota 52 darbuu isaa obbo Ahmad beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015