Sirni filannoo dimokiraatawaa fi nagaa akka mirkanaa’u ga’ee keenya ni baana-Paartilee siyaasaa

70

Finfinnee Amajjii  2/2011 Itoophiyaa keessatti sirni filannoo dimokiraatawaa fi nagaa akka uumamu waan isaanirraa eegamu raawwachuuf qophii ta’uusaanii paartileen siyaasaa dorgomtootaa beeksisan.

Paartileen siyaasaa seeraa fi danbiilee paartilee siyaasaa, sirna filannoo, labsii paartileen siyaasaa ittiin galmaa’an 573/2000 fi waldhabdeewwan  filannoo akkaataa hiikuun danda’amurratti dubbachaa jiru.

Paartilee mare kanarratti hirmaatan keessaa tajaajilli oduu Itoophiyaa kan dubbise yaada kennaniin, filannoowwan biyyattii keessatti adeemsifaman nagaa, walabaa fi demokiraatawaa  akka ta’an ga’een paartilee siyaasaa olaanaadha.

Paartiin siyaasaa kamiyyuu fedhii fi faayidaa dhuunfaaf osoo hin ta’iin, nageenya biyyaa fi ummataaf hojjechuu qaba jedhaniiru.

Dhaabbata demokiraatawaa ummata Argobbaarraa kan bakka bu’an ob. Mahaammad Muusaa Abagaaz “sirni filannoo nagaa fi demokiraatawaa akka ta’u faayidaa dhuunfaa cinaatti dhiisuudከaan nageenya biyyaaf quuqamuutu barbaachisa” jedhaniiru.

Walitti qabaan paartii demokiraatawaa guutuu Itoophiyaa ob. Nuurii Mudassiir gamasaaniitiin, paartileen filannoof ummata dadammaqsuurraa eegalanii amma xumura filannootti sochiin taasisan karaa nagaa ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Lammiin hundi kara nagaa fi walaba ta’een ba’ee filachuu akka danda’u dargaggoota, abboota amantaa, jaarsolii biyyaa fi hayyoota waliin ta’uun akka hojjetan kan ibsan ammoo sochii walabummaa Sidaamaarraa kan bakka bu’an ob. Laggasaa Lalluqaamooti.

Paartiin siyaasaa hundi biyyasaaf quuqamee nagaaf dursa kennee miira itti gaafatamummaatiin hojjechuu akka qabu ibsaniiru.

Waggoota hedduu darbanii kaasee sirni filannoo ture filannoo haqaa fi demokiraatawaa adeemsisuuf kan mijatu hin turre kan jedhan paartileen dorgomtootaa, baatilee muraasa darbanii kaasee garuu mootummaan waan baay’ee akka fooyyesse himaniiru.

Kun ammoo Paartileen dorgommii filannoo adeemsifamu keessatti walabummaa fi itti gaafatamummaan akka hirmaatan akka taasisu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015