Jiraattonni Godina Booranaa Ajjeechaa Hoggantoota Olaanoo Naannoo Amaaraa fi Qondaaltota Raayyaa Ittisa Biyyaa irratti raawwatame Hiriira Nagaa Bahuun Balaaleffatan

61

Waxabajjii 20/2011 Mootummaan itti gaafatama olaantummaa seeraa akka kabachiisuuf ummatarraa kennameef sirnaan akka bahatuu fi nageenya akka kabachiisu jiraattonni magaalaa Yaa’aballoo hiriira mormii ba’uun gaafatan.

Jiraattonni godinichaa hiriira kanarratti hirmaatan tajaajila oduu Itiyoophiyaaf akka ibsanitti ajjeechaan hooggantoota olaanoo naannoo Amaaraa fi qondaaltota raayyaa ittisa biyyaarratti raawwatame kan balaaleffatamudha.

Jiraataan magaalaa Yaa’aballoo obbo Huseen Mahaammad “obbolaan wal ajjeesuudhaan fedhii dhuunfaa guuttachuuf gochi raawwatame kan balaaleffatamudha” jedhaniiru.

Shakkamtoonni hooggantoonni olaanoon kunneen akka ajjefaman hoogganaa fi qindeessaa turan  qabxiin qorannoo dafee ummataaf ifa ta’ee tarkaanfiin seeraa akka fudhatamus gaafataniiru.

 “Fonqolchaan aangoo qabachuu fi heera mootummaa diiguuf yaaliin taasifame fudhatama hin qabu” jedhaniiru.

Jiraataan magaalaa kanaa kan biraan obbo Galgaloo Kormaa olaantummaan seeraa sirnaan kabajamuu dhabuu fi obsi mootummaa daangaa darbuunsaa biyyattii rakkoorra akka buuse dubbataniiru.

Mootummaan dirreen siyaasaa akka bal’atu tarkaanfiin fudhate kan deeggaramu ta’uu ibsanii, “tarkaanfichi ummataa fi biyya miidhaarra kan buusu yoo ta’e itti yaadamuu qaba” jedhaniiru.

“Yaaliin fonqolcha mootummaa naannoo Amaaraatti taasifame balaa naannolee biroo, biyyatii fi ummata hundarratti aggaamame ta’uu hubachuu qabna” jedhaniiru.

Guyya-guyyaatti lubbuun namaa wayita baduu fi gochi biyya diigu yoo raawwatamu qarqarratti goranii ilaaluun lammii hunda itti gaafatamaa seenaa akka taasisu hubachiisaniiru.

“ Abbootiin keenya wal danda’uu, waliin ta’uu fi obbolummaadhaan biyya nutti kennan osoo hin diigamiin, osoo hin badiin dhaloota bakka bu’uuf dabarsuun jaalannee osoo hin ta’iin dirqama dha” jedhaniiru.

Jiraattaadhuma magaalaa kanaa kan ta’an obbo Qarsaa Guyyoo gamasaaniitiin “shakkamtoota hin qabamne saaxiluu fi kabajamuu olaantummaa seeraatiif hundi keenya ga’ee keenya ba’uu qabna” jedhaniiru.

Mootummaan kanneen badii dalaganii fi shakkamtoota irratti tarkaanfii laafaa fudhachaa jiru dhaabuudhaan tarkaanfii barsiisaa ta’e akka fudhatu gaafataniiru.

Hiriira mormii kanarratti kan argaman kantiibaan magaalaa Yaa’aballoo obbo Jaatanii Sooraa gamasaaniitiin olaantummaan seeraa akka kabajamu ummanni mootummaa waliin ta’ee akka hojjetu waamicha dhiheessaniiru.

Hiriira kanarratti godina Booranaa fi magaalaa Yaa’aballoorraa kan walitti dhufan namoonni kuma 10tti tilmaamaman hirmaachuunsaanii beekameera.

Dhaadannoowwan “Ajjeechaa humnoota badiitiin raawwatamaa jiru ni balaaleffanna, mootummaa cinaa ta’uudhaan shakkamtoota ni saaxilla, nageenyaaf waardiyyaa ni dhaabanna” jedhanii fi kanneen biroo qabachuun ture hiriira kana kan ba’an.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015