Amala Ummatummaa Isaanii Cimsuun Dirqama Biyyummaa Akka Ba’an Miseensonni Raayyaa Ittisaa Ibsan

44

Waxabajji 20/2011 Amala ummatummaa isaanii cimsuun dirqama biyyummaa isaanii ba’uuf qophaa’oo akka ta’an miseensonni raayyaa ittisa ajaja bahaa ibsan.

Miseensonni ajajaa kun Finfinnee fi Baahirdaaritti lubbuu isaanii kan dhaban itaamaajoor shuumii  waliigala federaalaa jeneraal Sa’aaree Makonnin, bulchaa mootummaa naaannoo Amaaraa doktar Ambaachaw Makonninii fi hooggantoota olaanoo biroof kaleessa galgala yaadannoon sirna shaamaa ibsuu taasifameera.

Miseensonni raayyaa kunneen gochi hooggantoota olaanoo irratti raawwatame haala kamiinuu fudhatama akka hin qabne eeranii, tokkummaa raayyaa ittisaa fi dirqama biyyummaa ba’uuf akka isaan hin gufachiifne beeksaniiru.

Itti aanaan ajajaa bahaa mejer jeneraal Mallasaa Masarat raayyaan humna dhiibbaa biyya keessaa fi alaa ittisaa turuu isaa yaadatanii, har’as hooggantoota olaanoo irratti gocha mudateen utuu hin laafiin cimina, jaalala biyyummaanii fi gootummaan dirqama isaa akka ba’u mirkaneessaniiru.

``Gaabbii du’a hooggantoota keenya ittiin ibsinu riifoormii isaan hin xumuriin xumuruun tokkummaa akka sibiilaa jabaateen dirqama biyyummaa ba’uu yoo dandeenyu akka ta’e miseensonni raayyaa ittisaa hundi tumsa gochuu qabu`` jedhan.

Miseensota raayyichaa keessaa shaambal Warqinaa Hirphasaa raayyaan qormaanni rakkisaan yoo mudatu bilchinaan kan fashaleessuu fi hanga aarsaa lubbuutti gatii kan kaffalu akka ta’e ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015