“Duuti Dhala Namaaf Kan Hin Oolle Ta’us Gara Jabummaa Akkasiistiin Yoo Raawwatamu Baay’ee Nama Dhukkubsa” - Obbo Dammaqaa Mokonnin

70

Waxabajjii 19/2011-“Duuti Dhala Namaaf Kan hin oolle ta’us gantummaa fi gara jabummaa akkasiitiin yoo raawwatamu nama dhukkubsa” jedhan itti aanaan ministira muummee Dammaqaa Mokonnin.

Obbo Dammaqaan sirna gaggeessaa reeffa hooggantoota olaanoo naannoo Amaaraa irratti argansuudhaan haasawa taasisaniiru.

Gochi kun wayita raawwatamu dhimma hojiif biyya alaa akka jiran kan yaadatan itti aanaan ministira muummee, osoo achi jiranii waan dhaga’anitti naasuu fi gaddi guddaan akka itti dhaga’ame ibsanii, Dr. Ambaachoo, Obbo Izazii fi obbo Migbaaruu osoo biyyaa alaa hin deemiin waa’ee hojii itti aanuu bilbilaan dubbisanii akka ture ibsaniiru.

“Namni bakka yaade hin ooluutii kan hin yaadamne ta’eera” kan jedhan obbo Dammaqaan, gochi kun guddaa gaddisiisaa fi  gara jabummaan kan keessatti mul’atedha jedhaniiru.

“Umrii ijoollummaasaanii osoo hin fixiin ummata tajaajiluuf lubbuu fi waliin jireenya hawaasummaa isaanii kennuudhaan jijjiiramaaf gatii guddaa kafalanii namoota baay’eef bilisummaa labsanii bara dhufuuf irree jabaa, hogganaa jijjiiramaa ta’anii kan hiriiran irratti gochi akkasii raawwatamuunsaa keessa namaa kan madeessudha “

 “Lammiileen keenya mana hidhaa jiran abdiinsaanii dukkanaa’eera, qaamnisaanii hir’ateera, sammuunsaanii hidhameera jedhanii hooggantoota adda durummaan qabsaa’aniif deebiinsaa rasaasa ta’uunsaa gantummaa fi harma haadhaa ciniinuun ala maal jechuutu danda’ama” jedhan obbo Dammaqaan.

Galma ga’iinsa ergama biyyaa fi naannoof hojiirra osoo jiranii lubbuu isaanii kan dhaban du’a hooggantoota raayyaa ittisaa fi hooggantoota ADPtti gadda cimaa itti dhaga’ame ibsaniiru.

Haleellaan kun lubbuu fi dhimma hawaasummaarratti kanneen miidhamanii fi maatiisaanii akkasumas michoota isaanii qabsaa’otaa isaaniif kan ulfaatu ta’uurra darbee seenaa ummataa kan hin ginne gocha abaaramaa ta’uusaa ibsaniiru.

Raawwachuu gocha kanaa hordofee Baahirdaarii fi naannawasheetti miidhaan kana caala ulfaatu akka hin geenyee fi to’annaa jala akka oolu tumsa kan taasisan jiraattota magaalaa, qaamolee nageenyaa fi qaamolee mootummaa addaddaaf galata dhiheessaniiru.

Maatii warra lubbuu isaanii dhabanii, jiraattota naannichaa fi ummata Itiyoophiyaa hundaaf jajjabina hawwaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015