Humni Maqaa Oromootiin Hidhatee Bosonatti Argamu bakka Nun Bu’u - Jiraattota Godina Buunnoo Baddallee

68

Waxabajjii 18/2011- Humni maqaa Oromootiin hidhatee bosonatti argamu Ummata Oromoo bakka hin bu’u jechuudhaan jiraattonni godina Buunnoo Baddallee hiriira mormii har’a adeemsisaniin beeksisan.

Godinichatti aanaaleen Beddellee Gachii, Dhedheessaa fi Cooraa hiriira mormii adeemsisaniin humni maqaa ummata Oromootiin hidhatee bosonatti argamu akka bakka isaan hin buune dubbataniiru.

Kanneen hiriira ba’an kunneen dhaadannoowwan “humni maqaa ummata Oromootiin hidhatee bosonatti argamu bakka nun bu’u, maqaa ABOtiin hidhachuudhaan nageenya booressuu fi ummata shororkeessuu ni balaaleffanna” kan jedhanii fi kanneen biro ni argamu.

Godinicha keessaa bakka addaddaatii walitti qabamuun daandiiwwan gurguddoo magaalaa Beddellee iira deemuudhaan mormii isaanii kan dhageessisan hiriirtonni kunneen, jidduu kana hoggantoota olaanoo mootummaa naannoo Amaaraa fi jeneraalota ittisaarratti ajjeechaa raawwatame balaaleffataniiru.

Mootummaan qindeessitoota daba kanaa hordofee seeratti akka dhiheessus gaafataniiru.

Hirmaattota kanneen keessaa jiraataan magaalaa Beddellee dargaggoo Jamaal Abduu akka jedhetti wayita ammaa biyyattii gara demokiraasiitti ceesisuuf lammileen hundi walii galanii hojjechaa wayita jiranitti qabsoon hidhannii barbaachisaa miti.

ABOn mootummaa waliin araaramee gara qabsoo nageenyaatti kan deebi’e waan ta’eef maqaa ABOtiin hidhatee shiftaan bosonatti argamu beekamtii akka hin qabne dubbateera.

Hiriira nagaa kanarratti kan argaman bulchaan godina Buunnoo Beddellee obbo Shaafii Huseen akka jdhanitti mootummaan nageenya lammiilee mirkaneessuuf ummata waliin ta’uun hojii seera kabachiisuu cimsee itti fufa.

Hawaasnis nageenya naannawasaa dammaqee eeguudhaan misoomaa fi itti fufiinsa jijjiiramichaa irratti gumaacha jalqabe cimsee akka itti fufu waamicha dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015