Rakkoo Siyaasaa Biyyattiif Furmaata Egeree Kennuuf hojii Hunda Hirmaachisee Fi Lafa Qabatetu Barbaachisa - Hayyoota

134

Waxabajjii 18/2011- Rakkoo Siyaasaa Itiyoophiyaatti mul’atuuf furmaata egeree kennuuf hunda karaa hirmaachiseen hojiin lafa qabate akka barbaachisu hayyoonni dubbatan.

Paartiin biyya bulchuu fi paartileen morkattootaa rakkoo siyaasaa Itiyoophiyaa ‘haa sirreessinu’ jechuudhaa waliin mari’atanii furmaata kaa’uu akka qaban hayyoonni hubachiisaniiru.

Waxabajjii 15/2011 naannoo Amaaraa Baahirdaarii fi Finfinneetti hooggantoota olaanoo mootummaarratti haleellaa taasifameen lubbuun darbeera. Gochi kun ummata Itiyoophiyaa hunda kan gaddisiisee fi godaannisa seenaa gurraacha kan kaa’edha

 Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa haleellaan kun haala siyaasaa biyyattii maal agarsiisa? Siyaasni biyya keenyaa garam deemaa jira? Fuulduratti maaltu taaifamuu qaba jechuudhaa Yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa falaasamaa Dr. Daanyaachoo Asaffaa fi barsiisaa saayinsii siyaasaa fi quunnamtii idil addunyaa piroofeesar Mararaa Guddinaa haasofsiiseera.

Hayyoonni kunneen akka jedhanitti rakkoo amma mul’atuuf sababnisaa dhukkuba siyaasaa biyyattiif furmaata egeree kennuu dhabuu waan ta’eef garaagarummaa karaa demokiraasii hiikuudhaan yaalii gochuutu barbaachisa jedhaniiru.

Yaalii fi haleellaan ‘fonqolcha mootummaa’ adeemsifame dhaadhessummaarraa kan ka’ee fi waliin jireenya Itiyoophiyaa fi demokiraasii kan hordofu siyaasa jiddu galeessaa miidhuurratti kan xiyyeeffate akka ta’es dubbataniiru.

Rakkoo siyaasaa Itiyoophiyaa keessa jiruuf ni barbachisa kan jedhan yaada furmaataa  kan eeran hayyoonni kunneen, kun yoo hin taane yaaddoo qaban akkasumas furmaatichis waan gaarii fiduu danda’u kaa’aniiru.

Ummanni Itiyoophiyaa rakkoo siyaasaatiif furmaata egeree kennuuf waliin hojjechuudhaan Itiyoophiyaa fooyyofte uumuu kan jedhu filmaata taasifachuudhaan hojjechuun akka barbaachisus hubachiisaniiru. U3

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015