Ajjeechaan Hooggantoota Mootummaa Olaanoorratti Taasifame Mootummaa Diiguudhaan Aangoo Qabachuuf Gocha Raawwatamedha

64

Waxabajjii 18/2011 Ajjeechaan hooggantoota mootummaa olaanoorratti taasifame raayyaa bittimsuudhaan mootummaan akka hin tasgabboofne gochuudhaan ‘aangoo qabachuuf kan raawwatamedha’ jechuun itti aanaan etaamaajoor shuumii walii gala humnoota waraanaa jeneraal Biraanuu Juulaa dubbatan.

Reeffi etaamaajoor shuumiin walii gala humnoota waraanaa jeneraal Sa’aaree Mokonnon  fi meejer jeneraal Gazaa’ii Abarraa Finfinnee galma Miliiniyeemitti gaggeessaa taasifameen booda sirni awwaalchaa bakka itti raawwatamu Maqalee deemeera.

Sirna gaggeessaa irratti ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimadii  fi pirezidaanti Saahilawarqi Zawudee dabalatee hooggantoonni olaanoon mootummaa, miseensonni raayyaa ittisaa, abbootiin amantaa, hawaasni dippilomaatii fi maatii fi firoonni namoota du’anii argamaniiru.

Itti aanaan etaamaajoor shuumii walii gala jeneraal Biraanuu Juulaa wayita kana dubbii taasisaniin “jeneraal Sa’aaree fedhii taayitaa kan hin qabaannee fi namni akka hin dune kan qabsaa’an nama guddaa turan” jedhaniiru.

Bara tajaajila isaaniitti ijaarsa raayyaa, hooggansa loltummaatiin, gootummaa fi rakkoolee cabsanii keessa darbuudhaan jeneraala mokonninii kutataa turan.

Hoggantoonni loltummaa akka isaanii calaqqisanii kan mul’atanii fi kutattummaan agarsiisan ‘dhaloota kan qarudha’ jedhaniiru.

Raayyaan akka isaatti akka ijaaramu gochuudhaan biyyasaa ittisuu kan danda’uu fi kanneen biroof kan ta’u raayyaan goota ta’e akka uumamu shoora  olaanaa gumaachuudhaan moodela kan ta’anidha jechuunis dubbataniiru.

Ajjeechaan namoota nagaarratti raawwatame raayyaa bittimsuudhaan, ummanni sanyiidhaan qooduudhaan mootummaan akka hin tasgabboofnee fi akka diigamu gochuudhaan maqaa mootummaa cehumsaatiin gara aangootti fiduuf daba xaxame akka ta’e eeraniiru.

Kanneen aangoo dheebotan gocha raawwataniin biyyattiin ijoolleeshee gurguddoo kan dhabde waan ta’eef fakkeenyummaa isaanii gaarii hordofuudhaan dhalootaa fi raayyaan gootummaa kana egee deemu  jiraachuu akka qabu dubbataniiru.

Raayyaan tokkummaasaa eegee kaayyoo fi kutannoo isaanii qabatee biyyasaaf gamtaan akka dhaabatu waamicha dabarsaniiru.

Sirni awwaalchaa etaamaajoor shuumii walii gala RDFI jeneraal Sa’aaree Mokonninii fi meejeer jeneraal Gazaa’ii Abarraa hooggantoonni olaanoo mootummaa, maatiinsaanii fi firoonnisaanii akkasumas jiraattonni naannichaa bakka argamanitti boru magaalaa Maqaleetti raawwatama.

Kana sababeeffachuudhaan manni mare mootummaannaannoo Tigraayi  har’aa kaasee amma Waxabajjii 20 bara 2011tti guyyoota sadiif guyyaa gaddaa akka ta’u murteesseera. Y�h-U�R

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015