Birgaadar Jeneraal Asaamminaw Tsiggee Baahirdaaritti Ajjeefamaniiru

64

Waxabajji 17/2011 Naannoo Amaaraatti itti gaafatamaan biiroo nageenyaa birgaadar jeneraal Asaamminaw Tsiggee Baahirdaar bakka zanzalmaa jedhamutti baduuf yaalii osoo taasisanii ajjeefamuun isaanii ibsame.

Itti gaafatamaan biiroo nageenyaa naannoo Amaaraa birgaadar jeneraal Asaamminaw Tsiggee naannichatti yaalii fonqolcha mootummaa qineessaniiru  jedhamee akka ture ni beekama.

Poolisiin federaalaa har’a ibsa kenneen yakka raawwatame kanaaf jeneraalichi qindeessaa olaana dha jedheera.

Dheengadda naannoo Amaaraatti yaalii fonqolcha mootummaati gocha jedhame kanarratti bulchaan naannichaa doktar Ambaachaw Makonniin dabalatee hooggantoonni biroon lubbuu isaanii dhabaniiru.

Dabalataan sanbata darbe itaamaajoor shuumiin ittisa biyyaa jeneraal Sa’aaree Makonninii fi miiltoon isaanii miidhaa kanaan lubbuu isaanii dhabaniiru.

Har’a sa’a booda raawwii yakka kanaan shakkamaa dha kan jedhaman itti gaafatamaan biroo nageenyaa naannichaa birgaadar jeneraal Asaamminaw Tsiggee Baahidaar bakka zanzalmaa jedhamutti baduuf yaalii utuu taasisaa jiranii humnoota nageenyaa fi gargaarsa ummataan ajjeefamuunsaanii beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015