Baahirdaarii Fi Finfinneetti Yakka Raawwatame Gareen Qoratu Hojii Jalqabuun Isaa Ibsame

52

Waxabajji 17/2011 Naannoo Amaaraa magaalaa Baahirdaarii fi Finfinneetti  yakka ajjeechaa raawwatame kan qoratu garee olaanaan qorannoo yakkaa dhaabbatee hojiitti galuu isaa poolisiin federaalaa beeksise.

Naannoo Amaaraatti waxabajji 15/2011 yaalii fonqolcha mootummaa adeemsifameen bulchaan naannichaa doktar Ambaachaw Makonnonii fi gorsaan gurmaa’ina isaanii obbo Izez  Waasee lubbuun isaanii darbeera.

 Miidhaa irra ga’een yaalamaa kan turan abbaan alangaa naannichaa obbo Migbaaruu Kabbadaa har’a lubbuun isaanii akka darbe ibsameera.

Dheengadda immoo Finfinneetti muummichi ittisa biyyaa itaamaajoor shuumii kan turan jeneraal Sa’aaree Makonnonii fi miiltoon isaanii mejer jeneral Gazaa’ii Abarraa miidhaa irra ga’een lubbuun isaanii darbeera. 

Kanaan poolisiin federaalaa magaalaa Baahirdaarii fi Finfinneetti yakkawwan raawwataman kanaaf hojii qorannoo eegaluu isaa har’a ibsa kenneen beeksiseera.

Hojiin qorannichaa akka milkaa’uuf ummannii fi qaamoleen nageenyaa deeggarsa barbaachisu akka taasisan komishiniin poolisii federaalaa komishinar Indaashaw Xaasoo waamicha dhiyeessaniiru.

Jeneraal komishinarichi akka jedhanitti gochi yakkaa miidhaa heera mootummaa, ajjechaan hooggantoota mootummaa, yaaliin ajjechaa fi walumaagalatti sochii fonqolcha mootummaa ta’eeti kan fudhatamu.

 Yakka kana raawwataniiru jdhamanii kan shakkaman guutummaa guutuuutti to’annoo jala oolchuu fi raawwii kana qulqulleessuuf poolisiin yeroo kamiyyuu caalaa qophii akka ta’u eeraniiru.

 Yakki kun kan nama mufachiisuu fi jeequmsaaf kan saaxilu waan ta’eef poolisiin tarkaanfii ariifachiisaa fudhateen sa’atii tokko keessatti to’achuun danda’ameera.

Gochi kun erga raawwatee booda qaamolee nageenyaa naannichaa, ittisa biyyaa, odeeffannoo biyyoolessaa fi nageenyaa waliin ta’uun shakkamtoonni yakka kana raawwatan baay’een isaanii to’annoo jala oolaniiru.

Erkamni yakka raawwatamee kun gosa balleessanii baduu akka ta’e komishinar jeneraalichi dubbataniiru.

Miidhaan Baahidaarii fi Finfinneetti raawwatame kana walitti dhufeenyi raawwattoota kanaa gosa tokkoo fi ergama walfakkaataa kan qabu ta’uusaa kan agarsiisudha jedhan.

Gochi yakkichaa ``Gudunfaa humna ittisa biyyattii dha’uun Izii ittisichaa camsuuf yaadamee kan raawwatame dha.

Yeroo ammaa kana naannoo Amaaraatti tasgabbiin uumameera, gaggeessitoonni naannichaa hojii idilee isaaniitti galaniiru kan jedhan komishinar jeneraalichi, raawwii kanaan namoonni dhuunfaa shakkamanii hafan qabuuf hojii bal’aan hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Itaamaajoor shuumii federaalaa kan turan jeneraal Sa’aaree Makonniniin kan ajjeese of ajjeesuu isaa komishinar jeneraal Indaashaw dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015