Rakkoo Amma Uumame Keessaa Ba’uuf Mootummaa fi Ummanni Caalaatti Walgargaaree Hojjechuu Qaba

66

Waxabajji 17/2011 Biyyattiitti rakkoo amma uumame keessaa ba’uuf mootummaa fi ummanni caalaatti wal gargaaruunii fi walitti dhiyaachuun hojjechuu akka qabu afa yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa obbo Taaggasee Caafoo dubbatan.

Bulchaan mootummaa naannoo Amaaraa doktar Ambaachaw Makonnin, gorsaa gurmaa’ina isaanii obbo Izez Waasee fi muummichi humna waraanaa federaalaa itaamaajoor shuum jeneraal Sa’aaree Makonnin guyyaa dheengaddaa yakki du’aa irratti raawwatameera.

Hooggantoonni wareegaman kun biyyattiin jijjiirama amma irra jirtuuf gumaachi taasisan olaanaa akka ta’e yaadatanii, hoogganaa fi ummanni harka walqabachuun nageenya biyyattii itti fufsiisuu qaba jedhan.

Ummannii fi gaggeessaan yeroo yerootti rakkoolee wal fakkaatoo dabarsuu isaanii eeranii, rakkoo kana obsaa fi waliin hojjechuun darbuu akka danda’an ibsaniiru.

Guyyaa har’aa kana Itiyoophiyaatti naannolee hundaatti, Imbaasiiwwanii fi Dooniiwwan irratti alaabaan biyyattii gadi siqu akka fannifamu taasifameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015