Naannoo Amaaraatti Miidhaa Irra Ga’een Abbaan Alangaa Naanninichaa Obbo Migbaaruu Kabbadaa lubbuun isaanii darbe

64

Waxabajji 17/2011 Naannoo Amaaraatti waxabajji 15/2011 yaalii fonqolcha mootummaa taasifamee tureen miidhaan irra ga’ee yaalamaa kan turan abbaan alangaa mootummaa naannoo Amaaraa obbo Migbaaruu Kabbadaa har’a lubbuun isaanii darbeera.

Gaggeessummaa itti gaafatamaa biroo nageenyaa naannichaa bergaadar jeneraal Asaamminaw Tsiggeen miidhaa raawwatame kanaan pirezidaantiin naannichaa doktar Ambaachaw Makonninii fi gorsaan gurmaa’ina obbo Izez Waasee lubbuun isaanii akka darbe ni beekama.

Itaamaajoor shuumiin federaalaa jeneraal Sa’aaree Makonninii fi miiltoon hojii isaanii mejer jeneraal Gazaa’ii Abarraa miidhaa eegduu isaaniitiin irratti raawwatameen lubbuun isaanii darbeera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015