Tiraamp Iraan Waliin Waraan Keessa Seenuu Akka Hin Barbaanne Ibsan

84

Waxabajjii 15/2011 Pirezidaantiin Ameerikaa doonaald Tiraamp Iraan waliin waraana keessa seenuu akka hin barbaanne kan ibsan yoo ta'u, walitti bu'iinsi yoo uumame garuu gara mancaatiitti akka deemu ofeeggachiisaniiru.

Gaaffii fi deebii 'NBC' waliin taasisaniin "waraana keessa seenuuf fedhii  hin qabu, waraanni kan jalqabamu yoo ta'e haala argamee hin beekneen manca'insi ni ta'a, kun akka ta'u garuu fedhii hin qabu" jedhaniiru,Tiraamp diroonii Iraan rukutteeftarkaanfii deebii fudhachuuf kan yaadame haquusaanii 'CGTN' odeeffateera.

Akka gabaasa kanaatti misaa'eliin Iraan lafarraa furguggifame Xayyaara idil addunyaa Ameerikaa nama malee balali'u rukutee kuffisuunsaa kan yaadatamu yoo ta'u, Iraan "daangaa qilleensaa koo waan seeneef rukuteera" yoo jettu, Ameerikaan gama isheetiin daangaan qilleensaa kun daandii qilleensaa idil adunyyti jetteetti.

Tiraamp fuula tiwuutarii isaaniirratti deddee'isanii akka ibsanitti, Iraanirratti tarkaanfii deebii fudhachuu fi Iraan Nuulilaara hojjechuu fi sagantaa Misaayilashee akka addaan kuttu dhorkaa dinagdee irra kaa'ame kaasuuf akka hin ariifanne ibsuusaanii gabaasni kun agarsiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015