Dargaggoota Waldaaleen Gurmaa'an 290'f Lafti Hektaarri 46 Kenname

101

Waxabajji14/2011 Dargaggoota waldaaleen gurmaa'an 290'f lafti hektaarri 46 kenname.

Godina Jimmaa aanaa Geeraatti dargaggoota 290 waldaalee 8tti gurmaa'aniif lafti hektaarri 46 kennammeeraaf.

Dargaggoonni kun akka jedhanitti, cimnee hojjechuun ofii fi biyya keenya jijjiiruun warraaqsa dinagdee Oromiyaa tumsuuf qophiidha.

Bulchaan Godina Jimmaa obbo Abdulhaakim Muluu akka dubbatanitti, Lafa gannaa-bona misooma dheeboturra teenyee humna oomishuu danda’u dargaggoota osoo qabnuu hiyyummaan nuuf hin malu.

Kanaan dura haala mijataa fi leenjii dhabuun humna hojjetee ofjijjiiru osoo qabnuu hiyyummaatti kufne kan jedhan dargaggoonni kun, amma hojjenne ofii fi maatii keenya gargaaraa jirra jechuun dubbatan.

Aanichatti dargaggoonni 848 waldaan gurmaa'anii oomisha dammaa, gabbisa loonii, oomisha biqiltuu bunaa fi abukaadoo, qonna jallisii fi daldala garaagaraarratti bobba’uun hojjetaa jiru.

Dubartoonni godinichaas waldaan gurmaa'anii biqiltuu bunaa fi abukaadoo oomishuun dinagdeen ofcimsaa akka jiran OBN gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015