Itiyoophiyaa Fi Keeniyaan Deeggarsa Gama Siyaasaan Qaban Dinagdeenis Itti Fufsiisuu Qabu Jedhame

87

Finfinnee Waxabajjii 13/2011 Itiyoophiyaa fi keeniyaan walitti dhufeenyi isaan qaban gama dinagdeenis cimee akka itti fufuuf marii taasisan.

Ministirri ministeera dhimma alaa Itiyoophiyaa Obbo Gadduu Andaargaachoon ministeera dhimma alaa Keeniyaa Mooniikaa Juumaan Waajjira isaaniitti simachuun waliin mari’ataniiru.

Biyyoonni lamaan hariiroo waggaa dheeraa qabus jedhameera.

Marii kana kan hordoofan dubbii himaan dhimma alaa Itiyoophiyaa Nabiyaat Geetaachoo akka jedhanitti biyyoonni lamaan gama siyaasaan wallitti dhufeenya cimmaa qabu jedhaniiru.

Kanaaf Biyyoonni lameen gama dinagdeen, daldala, turizimii fi investimantii walitti dhufeenya gaarii akka qabaataniif carraa hedduu qabaachuun, walii galtee fi tokkummaan hojjetamuu akka qabus kaasaniiru.

Keessumattuu biyyoonni lameen bakkeewwan hawata turizimii ta’an waliin paakeejii beeksisuun turistoonni Afrikaa Bahaa daawwannaa yeroo tokkoon daawwachuun waan isaan dandeessisu qopheesuun akka barbaachisu kana irratti hojii baayyeen akka hojjetamuu qabu walii galaniiru.

Hariiroo biyyoota lameenii jajjabeessuun barattoota dhaabbilee barnootaa gidduutti caalmaatti walitti dhufeenyi akka cimuufis hojjechuu akka qaban marii taasisaniiru.

Itiyoophiyaa fi Keeniyaan haariiroo biyyoota lameen gidduu jiru gara sadarkaa olaanuutti guddisuu irratti xiyyeeffannoon akka hojjetan anga’oonni lameen marii isaanii keessatti kaasuu isaanii duubii himaan kun dubbataniiru.

Itiyoophiyaa fi keeniyaan akka lakkoofsa warra Awurooppaatti bara 1954 irraa kaasee walitti dhufeenya kan calqaban ta'uun beekamee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015