Dargaggoonni Oromoo Hojii Tola Ooltummaarratti Bobba’uun Ga’eesaanii Ba’uu qabu

107

Waxabajjii 13/2011 Dargaggoonni Oromoo hojii tola ooltummaarratti dammaqinaan hirmaachuun biyya ijaaruu keessatti gaheesaanii bahuu akka qaban dhaamame.

Daarekterri Olaanaan Abbaa Taayitaa Galiiwwan Oromiyaa Adde Caaltuu Saanii Koonfaransii Dargaggootaafi Dubartootaa 12ffaa har'a Adaamaatti geggeeffamuu eegalerratti akka jedhanitti  dargaggoonni naannichaa, naannichaa guddisuuf sassaabbii galii gibiraa keessatti hubannoo uumuun hawaasni gibiraa fi taaskii irraa babaadamu yeroo qabame keessatti akka kaffalatan gochuu akka qaban dhaaman.

Dargaggoonnii fi shamarran Oromoo ganna kana hojii tola Ooltummaa hojjechuun dirqama lammummaasaanii bahuu akka qaban adde Caaltuun yaadachiisaniiru.

Hojiin tola ooltummaan irratti hirmaatanis galiin mootummaa akka yeroon sassaabamu hawaasaaf hubannoo uumuu, Sagantaa biqiltuu dhaabuu keessatti adda durummaan hirmaachuu, hojii barnootaa fi qonnaa akkasumas namoota humna hin qabneef deeggarsa kennuu keessatti akka hirmaatan ibsameera.

Gama biraatiin ummanni Oromoo injifannoo gama siyaasaan gonfate dinagdeenis dabaaluuf kutannoo fi murannoon hojjechuun murteessaa akka ta'e Waajjira Giddu Galeessa ODPtti itti gaafatamaan Siyaasaafi Ijaarsa Baadiyaa Obbo Awwaluu Qaasiim dargaggootaaf dhaamaniiru.

Haala kanaan dargaggoonnii fi shamarran Oromoo injifannoo wareegama ummata Oromootiin dhufe dammaqinaan tifkachaa ijaarsaa dimookiraasii biyyi keenya jalqabde milkoomsuuf tokkummaan dhaabbachuun jijjiirama eegalame ceesisuun dirqama dhaloota ammaa akka ta'e hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015