Fooramiin Ce'umsaa Hawaasa Horsiisee Bulaa Adaamaatti Gaggeeffamaa Jira

102

Adaamaa Waxabajji 13/2011 Kaayyoon fooramii kanaa rakkoo hawaasa naannoo horsiisee bulaa Mootummaan, miti mootummaa fi dhaabbileen barnootaa olaanoon qorannoo gaggeessan qindoominaan akka hojjetan haal-duree mijeessuuf akka ta'e Komishinarri komishinii qabeenya misooma naannoo horsiisee bulaa Oromiyaa obbo Liiban Areeroo himaniiru.

Akka obbo Liiban jedhanitti hawaasni horsiisee bulaa lafa bal'aa qaburratti fayyadamummaa misoomaa mirkaneeffachuu barbaada.

Kanaafis beekumsaa fi duudhaa qabuun gargaaramee beelada hedduu horsiisaa jira.

 Qabeenya guddaa qabu kanarraa fayyadamuuf qormaanni gama jijjiirama qilleensaatiin yeroo yeroon isa mudachaa jiru furmaata kan barbaadudha jedhan.

Kanaafuu Rood Maappiin misooma horsiisee bulaa ceesisu qophaa'aa jira.

Karoora kanaan horsiisee bulaaf lafa bal'aa qaburratti bishaan lafa jalaa baasuun, oomishaa fi gabaa walitti hidhuun, dhiheessii barbaachisu waliin hojiirra oolchuuf xiyyeeffannaan kennamuu eeran.

Horsiisee bulaa ceesisuuf fedhiisaa hubachuun barbaachisaadha kan jedhan obbo Liiban, kana booda qindoomina sektaraalee dhimmi ilaallatuu fi qooda fudhattoonni hawaasa horsiisee bulaa waliin karoora hirmaachisaaf qorannoo rakkoo horsiisee bulaa furu gaggeessuun hojjetama.

Qabeenya guddaa horsiisee bulaan of harkaa qabu sirnaan yoo hoogganame dinagdee Oromiyaa milkeessuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf xiyyeeffannaa addaan hojjetamas jedhameera.

Barreeffamni jijjiirama ce'umsaa hawaasa horsiisee bulaa jedhuun dhihaate irratti mari'atamaa akka jiru biiroon komunikeeshinii dhimmoota mootummaa naannoo Oromiyaa gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015