Mana Sirreessaa Walisootti abiddi kaleessa ka’e to’atameera

88

Amboo Waxabajji 13/2011 Godina Shawaa Kibba Lixaa mana sirreessaa Walisootti abiddi kaleessa ganama ka’ee ture to’annoo jala ooluu isaa itti gaafatamaan mana sirreessichaa beeksisan.

Itti gaafatamaan mana sirreessaa Walisoo komaandar Kaasaayee Ayyalaa akka ibsanitti, abiddi sa’aatii tokkoof gubaa ture kana qaamoleen nageenya hawaasaa naannawichaa waliin yaalii taasisaniin to’achuun danda’ameera.

Mana sirreessichaatti abiddi qabate kun dhiya keessaa naannoo sa’aatii 3 yoo ta’u,  kutaa nyaanni itti qophaa’u keessaa akka ka’e ibsaniiru.

Balaa kanaan kutaan nyaanni itti qophaa’u kun guutummaa guutuutti kan barbadaa’e yoo ta’u, sababni ka’umsa isaa qoratamaa akka jiru beeksisaniiru komaandar Kaasayeen.

Balaa kanaan walqabatee sirreeffamtoonni seeraa lama miliquuf utuu yaalanii qabamuu isaanii dubbataniiru.

Qabeenya abidda kanaan barbadaa’e yeroof tilmaamni isaa akka hin beekamnes ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015