Humni Fi Beekumsi Dargaggootaa Misooma, Nageenyaa Fi Dimokiraasii biyyaaf Ooluu Akka Qabu Ibsame

133

Adaamaa Waxabajjii 13/2011 Konfiransiin dargaggootaa fi dubartootaa naannoo Oromiyaa mata duree " Humnaa fi beekumsa dargaggootaa Misooma, nageenyaa fi Dimokiraasii biyyaaf haa oolchinu " jedhuun magaalaa Adaamaatti eegalameera.  

Konfiransiin dargaggootaa fi dubartootaa Naannoo Oromiyaa guyyaa har'aa magaalaa Adaamaatti eegalame kun guyyoota sadiif akka itti fufus beekamee jira.

Konfaransii kana kan jalqabsiisan itti gaafatamaa Waajjira ODP Giddu Galeessaa Obbo Addisuu Araggaa yeroo kana akka jedhanitti dargaggoonni humna jijjiiramaa waan ta'aniif humnaa fi beekumsa qaban walitti qindeessuun sosochii warraaksa dinagdee Oromiyaa finiinsuu qabu.

Dabalataanis injifannoo gama siyaasaatiin argame tifkachaa dinagdeen utubuu akka qaban ergaa dabarsanii jiru.  

Injifannoon amma argame injifannoo ida'ama qabsoo ummata Oromoo jaarraa tokkoo fi walakkaadhaan argame waan ta'eef tikfachuun nuraa eegamas jedhnaiiru.

Dhaloonni kun carra qabeessa waan ta'eef injifannoo argame kana kunuunfatee ceesisuu akka qabus ibsaniiru.

Dirree siyaasaa biyya kana tureen hayyoonni, beektonnii fi dhaabbileen siyaasaa biyya isaaniitti orma ta'anii dhiibamanii biyya ormaa jiraachuuf dirqamanii akka turan yaadataniiru.

Qabsoon ummata Oromoo garuu dhalootaa dhalootatti dabarsaa hanga guyyaa injifannoo har'aatti ture jedhaniiru jechuun kan gabaase biiroo dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaati.     

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015