Waldaan Ogeessota Saayinii Ispoortii hundeeffamuufi

82

Waxabajjii 12/2011 Waldaan ogeessota Saayinsii Ispoortii Sanbata dhufu Finfinneetti ni hundeeffama.

Yeroo ammaa Yuunivarsiitottarraa fi kolleejotarraa leenjii saayinsii Ispoortii hordofanii kan eebbifaman kuma 10 kan caalan Itiyoophiyaa  keessaa akka jiran ni tilmaamama.

Ogeessota kanneen malees muuxannoodhaan kan hojjetanii fi leenjii gaggabaabaa fudhachuudhaan ogeeyyonni hojjetan ni jiraatu.

Hundeeffama waldaa kanaarratti ogeessonni Ispoortii irratti hojjetan hundi hirmaachuu ni danda’u jedhameera.

Qindeessaan hundeeffama gumii kanaa obbo Bililliny Maqoyyaa “Kaayoon hundeeffama kanaa mirga ogeessotaa kabachiisuu fi ogeessonni beekumsaa fi hubannoo qaban biyyattiif gumaachuu kan qaban akka gumaachan gochuufi” jedhaniiru.

Hundeeffamni waldaa kanaa gumaacha ogeessota damee kanaa bifa bittinnaa’een mul’atu qindeessuudhaan damee ispoortiitiin jijjiiramni maqaa qabu akka dhufu gochuu akka dandeessisu ibsaniiru.

Waldaaleen Saayinsii Ispoortii addunyaarratti kan beekamuu fi fayyaa hawaasaatiif bal’inaan akka hojjetaman kan beekamudha.

Kolleejiin Saayinsii Ispoortii Awurooppaanotaa, Saayinsiin Ispoortii fi ga’umsa qaamaa Biriitaaniyaa, Kolleejiin yaalii Ispoortii Ameerikaa fi Saayiniin Ispoortii fi ga’umsa qaamaa Awustiraaliyaa waldaalee Saayinsii Ispoortii beekamoodha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015