Ertiraan Hariiroo Itiyoophiyaa Waliin Jalqabde Caalaatti Cimsuuf Qophii Ta'uu Ibsite

88

Waxabajjii  12/2011 Ertiraan hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu caalaatti cimsuuf qophii ta'uushee gorsaan pirezidaantii Isaayyaas Afawarqii Yemaanee Gabra'aab dubbatan.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ministeera dhimma alaa Ertiraa Usmaan Saalaahii fi gorsaa pirezidaant Isaayyaas Afawarqii Yemaanee Gabra'aab waajjirasaaniitti simatanii haasofsiisaniiru.

Itti gaafatamtoonni kunneen pirezidaanti Isaayyaas Afawarqii xalayaa du'a abbaa ministira muummeetti gadda itti dhaga'ame ittiin ibsan ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif kennaniiru.

Turtii ministira muummee waliin taasisaniin waggaa tokko dura bifa haaraan kan jalqabe hariiroon Itiyoo-Ertiraa haala cimurratti mari'achuunsaanii ibsameera.

Marii booda mooraa waajjira ministira muummee keessa biqiltuu dhaabaniiru.

Hariiroon biyyoota lamaanii haala gaariirra akka jiru kan ibsan gorsaan pirezidaantichaa, hariiroon jalqabe caalaatti walitti hidhiinsa ummattootaa haala gabbatu irratti mari'achuusaanii eeraniiru.

Hariiroon Itiyoo-Ertiraa ummattoota biyyoota lamaanii malees walitti hidhiinsa gaanfa Afriikaaf kaka'umsa haaraa fidee akka dhufe gorsaan kun himaniiru.

Nageenya ijaaruun hojii yeroo kan gaafatudha kan jedhan obbo Yemaanee Gabra'aab, yeroo itti aanutti hariiroon gam lamee caalaatti akka cimu Ertiraan qophii ta'uushee dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015