Kolombiyaan Itiyoophiyaatti Embaasii Banachuufi

52

Waxabajjii12/2011 Kolombiyaan Afriikaatti embaasiishee 7ffaa Itiyoophiyaatti banuuf qophii gochaa akka jirtu beeksifte.

Ministeera dhimma alaatti dhaabbataadhaan itti waamamaan Awurooppaa, Ameerikaa, Isiyaa fi dhimmoota lammii heddumminaa ambaasaaddar Maahileet Hayiluu Kolombiyaatti ministeerri dhimma alaa daarektara Afriikaa, Isiyaa fi Ashniyaa Alfireed Raamoos Gonzaaleez waliin dhimmoota biyyoota lamaanii fi haal duree embaasii banuuf dandeessisanirratti har'a mari'ataniiru.

Ambaasaaddar Maahileet Hayiluu biyyoonni lamaan wal ta'iinsa dippilomaasii ture akka qaban kaasaniiru.

Teessoo gamtaa Afriikaa, dhaabbata mootummoota gamtoomanii, Komishinii dinagdee Afriikaa, embaasii biyyoota hedduu fi dhaabbilee idil addunyaa kan taate Itiyoophiyaatti Kolombiyaan embaasiishee banuuf karoorsuunshee murtee sirrii ta'uus dubbataniiru.

Ministeerri dhimma alaa qaamolee dhimmi ilaalu kanneen biroo waliin ta'uun embaasichi dafee akka banamu deeggarsa barbaachisu akka taasisus daarektarittiif ibsuusaanii odeeffannoon waajjira oduu himmaa ministeera dhimma alaa irraa argameni mul'isa.

Ministeera dhimma alaa Kolombiyaatti daarektarri Afriikaa, Isiyaa fi Ashniyaa Alfireedoo Raamoos Gonzaaleez gamasaaniitiin Itiyoophiyaan sochiiwwan dippilomaasii bal'aa kan keessatti adeemsifamuu fi biyya dinagdee si'ataa galmeessiftu waan taateef mootummaansaanii embaasii banuuf murteesseera jedhaniiru.

Ministirri dhimma alaa Kolombiyaa Kaarloos Holmis Tiruujiiloo Gaarshiyaa Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii taasisuuf akka dhufanii fi marii siyaasaa biyyoota lamaanii taasisuuf akka barbaadanis daarektarittiin eeraniiru.

Itiyoophiyaan hariiroo dippilomasii Itiyoophiyaa waliin qabdu kan hordoftu karaa embaasiishii Biraaziilitti argamuuni.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015