Malaammaltoonni Lammii Keeniyaa Biyyashee Akka Hin Galle Ameerikaa Dhorkite

59

Waxabajjii 12/2011 Qabsoo farra malaammaltummaa Keeniyaa deeggaruuf kan walii galte Ameerikaan  malaammaltoonni lammii Keeniyaa gara biyyashee akka hin galle dhorkaa jiraachuushee deeyilii neeshiin eeruudhaan ‘BBC’n gabaaseera.

Naayiroobiitti Viizaa Embaasii Ameerikaa argachuuf  namoonni deeman yakka malaammaltummaa keessatti hirmaachuu fi hirmaachuu dhiisuunsaanii erga qulqullaa’ee booda tajaajilli kennamaa akka jiru ibseera.

Hojmaata kanaan kutaa kanatti deeggartoota qabdu keessaa tokko kan taate Keeniyaa qabsoo farra malaammaltummaatiin akka ishee deeggaredha embaasichi kan eere.

Ambaasaaddarri Embaasichaa Kaayil Maakkaartar malaammaltummaa Keeniyaatti dagaage kan abaaran yoo ta’u, “hanna” jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015