Godina Wallagga Bahaa Aanaa Guutoogiddaatti Riqichi Yunivarsiitii Wallagaa Fi Hirmaannaa Ummataan Ijaarame Tajaajila Kennuu Eegale

57

Naqamtee Waxabajjii 12/2011 Godina Wallagga bahaa Aanaa Guutoogiddaatti riqichi Yunivarsiitii wallaggaa fi hirmaannaa ummataan ijaarame tajaajila kennuu eegalee jira.

Yunivarsiitii Wallaggaattii barsiisaan bulchiinsa ummata doktar Kaanan Amblaam akka jedhanitti rakkoo wayita gannaa irratti mudatu hubachuun riqicha ijaarree jirra jedhaniiru.

Yunivarsiitiin Wallaggaa hojii baruu fi barsiisuu maddiitti tajaajila ummataaf kennu daran cimsaa jiras jechuun barsiisaan kun dubbataniiru.

Hojii riqicha kanaafis Yunivarsiitiichi sibiila, Simintoo fi cirracha kan dhiyeesse yoo ta'u, ummanni naannoo immoo dhagaa fi muka dhiyeessuun riqichi kun xumuramu isaas ibsaniiru.

Riqichoonni kunneenis laga Qorii, Waabutee, Jiganii fi laga Hukee jedhaman irratti kan ijaaraman ta'uunis beekameera.

Jiraataan aanaa Guutoogiddaa obbo Tamasgeen Sanbatoo yaada kennaniin akka jedhanitti lageen kunneen yeroo gannaatti waan guutaniif loowwaan keenya nu jalaa nyaachaa turan jedhaniiru.

Yeroo gannaas sababa lageen kanneen irraa kan ka'e fira gaafachuun akka hin danda'amne dubbatanii, yeroo ammaa garuu rakkoon kun guutuumaatti furmaata argatee jira jedhaniiru.

Prezidaantiin Yunivarsiitii Wallagaa doktar Hasan Yasuuf wayita eebba riqicha kanaa yaadda kennaniin Yunivarsiitichi hojii tajaajila hawaasaa kennuu itti fufsiisuuf qophii xumuree jira jedhaniiru.

Dhaabatichi yeroo itti aanuttis ummata waliin ta'uun deeggarsa kan taasisu ta'uus eeranii jiru.

Aanaa Guutoogiddaatti itti gaafatamaan waajjira bulchiinsa aanichaa obbo Teewudroos Waqgaarii gama isaaniitiin riqichi Yunivarsiitii kanaan hojjetame kun rakkoo ummataa kan bara dheeraa kan deebise dha jedhaniiru.

 Yunivarsiitiin Wallaggaa riqicha ganda 4 wal qunnamsiisan kanneen ijaaruuf birrii miiliyoona 2 fi kuma 500 baasii taasisuun isaa beekamee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015