Raadiyoon FM Ciroo 101.1 Hojii Eegale

509

Waxabajji 11/2011 Neetiworkiin biroodkaastiingii Oromiyaa /OBN/ sagalee ummataa ta’uun tamsaasa odeeffannoo guddisuuf hojjetaa akka jiru beeksise.

Buufanni Raadiyoo FM ciroo 101.1 Waxabajji 11/2011 eebbifamee tamsaasa isaa eegaleera.

Eebba kanarratti kan argaman itti gaafatamaan biiroo galiiwwan naannoo kanaa fi miseensa boordii OBN aadde Caaltuu Saanii akka dubbatanitti, buufanni Raadiyoon kun qabeenya naannichaa ta’uun guddina ariifachiisuuf ga’ee isaa kan ba’u dha.

Kanaanis odeeffannoo sirrii fi waqtaawaa ariitiin ummata biraan ga’uun sagalee ummatummaa isaa ciminaan hojjechuun akka mirkaneessu eeraniiru.

Daayirektarri olaanaan OBN  obbo Zinaabuu Asiraat gama isaaniin FM ciroo 101.1 gaaffii ummataa bu’ureeffachuun kan ijaarame waan ta’eef hojiiwwan qabatamaa naannichaa hojjechuun akka tajaajilu  ibsaniiru.

Hojii gaggeessaan FM ciroo 101.1 Gaazexeessaa Mahaammad Usmaan akka dubbatanitti,  buufanni kun tamsaasni isaa aanolee 17 dabalatee Harar, Finfinnee, Somaalee fi gar-tokkee Baalee akkasumas gar-tokkee naannoo affaariin uwwisuun guyyaatti sa’aatii ja’aaf qilleensarra oola.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015