Koreen Hojii Raawwachiistuu Adda Dimokraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itiyoophiyaa /ADWUI/ Dhimmoota Siyaasaa Marii Taasisuun fi Kallattii Gara Fuula Duraa Kaa'e

81

Waxabajjii 12/2011 Koreen hojii raawwachiistuu Adda Dimokraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itiyoophiyaa /ADWUI/ dhimmoota siyaasaa fi kallattii gara fuula duraarratti mari'ate.

Koreen hoji raawwachiistuu addichaa Waxabajjii 10/2011 walga'ii gaggeesseen haala siyaasaa biyyattiirratti mari'achuudhaan kallattii gara fuula duraa kaa'eera jedhe waajjirri Mana Maree ADWUI.   

Korichi hojiilee siyaasaa waggaa tokkoo haala waqtaawaa siyaasa biyyattii, dhimmoota xiyyeeffannaa gara fuula duraarratti mari'achuu isaa waajjirri mana maree /ADWUI/ ibsa tajaajila oduu Itiyoophiyaaf erge irratti beeksiseera.   

Gama siyaasaan milkiiwwan hedduun galmaa'anis, biyyattitti nageenyi boora'uu, kutannoon hoggansaa xiqqaachuu, aktiiviistummaa fi gaazexeessummaan walkeessa dhahamuun akka rakkootti qoratee jira.

Kutannoon hoggansaa xiqqaachuun kan ka'e rakkooleen ummaman gabaabaatti furmaata akka hin argannee fi bifa isaanii jijjiirachuun yeroo yerootti akka mudatan ta'a waan jiruuf hatattamaan sirreeffamuu qabas jedheera.

Hoggansi sadarkaan jirus rakkoolee bifa isaanii jijjiirrachaa mudatan kanneeniif furmaata laachuuf seera kabajanii hojjechuun akka barbaachisus kallattii kaa'ee jira.

Rakkooleen uumaman kunneenis gaafiiwwaan siyaasni yeroo kana jiru kan dhale yoo ta'u, kanaafis rakkooleen kunneen yeroo tokkotti mudachuu isaanii koreen kun marii taasiseera.

Dhaabbileen walabaa fi ga'umsa qaban ijaarramuu dhabuu, dhimmoota jajjaboo biyyaarratti ejjennoon xiqqaachuu, bulchiinsi mootummaa bu'a qabeessi cimuu dhabuun qoratameera.    

Mootummaa biyyaa, mootummaa sabaa, ijaarsi sirna Dimokraasii gaaffiiwaan yeroo ammaa ija baasanii waan dhufaniif furmaata hatattamaa kan barbaadan ta'uunis himamee jira.  

Rakkoolee mudatanis sirna paartii heddumminaarratti gufuu uumaa jiraachuun ilaalameera.  

Paartileen morkattootaa fi waldaaleen hawaasummaa ijaarsa dimokraasiif gumaachi taasisaa jiran gamaaggamamee, sochiin walabaa uumamus ga'umsa dhaabbattummaa dhabuun isaanii akka hanqinaatti mul'ateera.   

Paartileen baay'achuudhaan ala ajandaa waldhahan gufuu sirna paartii heddumminaa ta'uu waan danda'uuf, daran irratti hojjetamuu akka qabu eerameera.    

Haala qabatamaa amma jiruun waldaaleen hawaasaa cimaa ta'an uumamuun ijaarsa sirna dimokraasiif ga'een isaa murteessaa waan ta'eef hojiin gama kannaan hojjetamu itti fufuu akka qabus jala sararee jira.   

Ijaarsa sirna dimokraasii fi filannoo walabaa fi bilisaaf hojjetamuu akka qabu kallattii kaa'eera.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015