Itiyoophiyaan Nageenyi Biyya Sudaan Akka Mirkanaa'uuf Deeggarsa Taasistu Itti Fufti

59

Waxabajjii 11/2011 Itiyoophiyaan walabummaa biyya Sudaanii fi faayidaa biyyaalessaa  karaa kabachiisuun nageenyaa fi tasgabbaa'uu biyyattiif deeggarsa taasisuu jalqabde cimsitee akka itti fufsiistu ministeerri dhimma alaa Itiyoophiyaa beeksise. 

Dubbii himaan ministeera dhimma alaa biyyattii obbo Nabiyaat Geetaachoo ibsa har'a kennaniin akka jedhanitti rakkoo siyaasaa biyyaa Sudaanitti mudateef Itiyoophiyaan karaa nagaa ta'een deeggarsa jalqabde akka itti fufsiistu himaniiru. 

Namoonni siyaasaa kan biyya Sudaan rakkoo isaan gidduutti uumame karaa nageenya qabuun qofa akka hiikaniif Itiyoophiyaan waamicha dhiyeessuu irratti akka argamtus ibsaniiru.

Mummichi ministiraa Itiyoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimad rakkoon Sudaan mudate kun karaa nagaan akka xumuramuuf hojii garee lamaan walitti fidanii mariisisuu calqabuuf dhiheenya kana Sudaan daawwachuun isaanii kan yaadatamu dha.

Yeroo kanas Doktar Abiyyi humna raayyaa amma Sudaan bulchaa jiru waliini fi garee mormitootaa waliin mar'ataniiru. 

Muummichi ministiraa Doktar Abiyyis hojii araara kana hojjechuuf Ambaasaaddar Mahaamuud Diriir ergamaa addaa taasisuun isaaniis ni beekama jedhaniiru. 

Humnoota lamaan waliin marii taasifameenis fincilli akka dhaabatuu fi mariin akka lakkoofsa warra Awurooppaa Waxabajjii 11 bara 2019 taasifamuuf qabames kan itti fufu ta'uu dubbataniiru. 

Humnoonni lamaanis ibsa biyyattiin akka hin taasgabboofne taasisu kennuu irraa akka of qusatan kan godhame yoo ta'u, isaanis kana irratti walii galuu isaaniitu eerame. 

Karaa nageenyaa mummichi ministiraa Itiyoophiyaa Doktar Abiyyi Ahimad jalqabaan kan dinqisiifamu ta'uu hogganaan humna finciltootaa Sudaan Mohaamaad Najii Al Asaam kaleessa ibsa kennaniin dubbachuu isaanii Aljaziiraan gabaaseera. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015