Itiyoophiyaan Jijjiirama Guddina Dinagdee Ishee Itti Fufsiisuu Dandeessu Irra Jirti

93

Finfinnee Waxabajjii 11/2011 Itiyoophiyaan sadarkaa jijjiirama guddina dinagdee ishee itti fufsiisuu dandeessu irratti argamti jedhan Prezidaant Saahilawarq Zawudeen.

Prezidaant saahilawarq kana kan jedhan haaswa sirna baniinsa yaa'ii dhaabbata misoomaa Baankii Addunyaa 19ffaa taasisan irratti.

Itiyoophiyaan jireenya jiraattota ishee fooyyessuuf haala gaarii irra jiraachuu kan himan prezidaant Saahilawarq, gama fayyaatiin hojii misoomaa bar kumee qabamee ture dursitee galmaan geesseetti jedhaniiru.

Keessummattuu yeroo ammaa kana ummata jidduutti wal qixa fayyadamummaan akka jiraatuu fi hojiilee misoomaa babal'isuuf, dhaabbilee misoomaa gara dhuunfaatti dabarsuuf hojiin boonsaa ta'e hojjetamaa jiras jedhaniiru.

Dabalataanis sirna faayinaansii fi hojii qonnaa ammayyeessuun, hojii daldala biyya alaa dhuunfaan akka irratti hirmaatuu fi akka jajjabaatu taasisuuf ejjannoowaan adda addaa fudhatamaa jiru jechuunis dubbataniiru.

Kunis Itiyoophiyaan yeroo dhufutti gama dinagdee fi hawaasuummaatiin guddina argatte itti fufsiisuuf ni gargaaras jedhaniiru.

Haa ta'uutii biyyattiitti saffisaan dabaluun ummata fi hojii dhabduummaa hiriirsuun, wal qixxummaa dubartootaa mirkaneessuun akkasumas qodmaan qabeenyaa haqa qabeessaa dhabamuun wantoota ammas hin dabaree dha jechuun dubbataniiru.  

Jijjiirama galmaan ga'uu fi dinadgee amma kana itti fufsiisuuf dhaabbata addunyaa gara garaa waliin hojjechuu ni barbaannas jedhaniiru prezidaant Saahilawarq.

Dhaabtnni misoomaa baankii addunyaa waggoota darban keessatti gama hiyyummaa hir'isuun, qonnaan, fayyaan, barumsaan akkasummas gama biraatiin deegarsa Itiyoophiyaatti taasiseen bu'aaleen gurguddaan galmaa'uu isaanii dubachuun deeggarsi kunis itti fufiinsa qabaachuu qabas jechuun gaafataniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015