Inshuraansiin Fayyaa Hawaasaa Akka Barbaadametti Bu'a Qabeessa Hin Taane

293

Adaamaa Waxabajjii 11/2011 Inshuraansiin fayyaa hawaasaa akka barbaadametti bu'a qabeessa akka hin taane Ejansiin Inshuraansii fayyaa beeksise.

Biyyattiiti aanaalee baadiyaa kuma 1 keessaa tajaajila Inshuraansii fayyaa hawaasaa kennuu kan jalqaban aanaalee baadiyaa dhiba 4 fi 27 qofa dha jedheera.

Ejansiin kun raawwii karoora kan bara 2011 magaalaa Adaamaatti qorachaa jira.

Daayrektarri Ejansichaa doktar Miizaan kiroos akka jedhanitti Inshuraansiin fayyaa hawaasaa kun fedhii irratti kan hundaa'e waan ta'eef hamma barbaadamu bu'a qabeessa hin taane jedhaniiru.

Ummata baadiyaa jireenya gadi aanaa jiraatan dhibbeentaa 80 fayyadamoo taasisuuf karoorfamee gara hojiitti kan galame yoo ta'u, galma ga'u kan danda'e garuu dhibbeentaa 43 qofa dha jedhaniiru.

Ummanni miiliyooni 9 ta'u tajaajila kana akka argatuuf karoorfamee hojiitti galamuu isaa kan himan daayrektarichi, qaqqabuun kan danda'ame garuu ummata miiliyoona 4 tuqa 2 qofadha jechuunis himaniiru.

Karoorri qabame kunis hojii irra akka hin oolleef fedhii irratti qofa kan hundaa'e ta'uun isaa, beekumsi ummanni dhimmicha irratti qaban gadi aanaa ta'uun isaa fi hoggansi hamma barbaadame dhimma kana irratti hojjechuu dhabuun isaa danqoolee mudachaa turan ta'uus himanii jiru.

Bara dhufu kanattis karoora adda adda qopheessuun hojii kana guddisuuf karoorfamuu isaas himanii jiru.

Kana malees dhaabata fayyaa keessaatti tajaajilli qulqullina qabu akka kennamu fi dhiyeessii meeshaalee fayyaa fi qorichaa guutuudhaan seektara qonnaa waliin hojjetamaa jiras jedhaniiru.

Daayreektarri abba adeemsa karoora Ejansichaa obbo Biniyaam Taayyee gama isaaniitiin meeshaalee fayyaa qorichoota adda addaa guutuuf dhaabbilee fayyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Tajaajilli fayyaa mijataan akka jiraatuf hojjetamaa jira kan jedhan obbo Biniyaam dhaabbilee fayyaa 444 keessaatti rakkoon bulchiinsa gaarii kuma 2 fi 120 kan dhiyaate yoo ta'u, kuma 1 fi 904 kan ta'aniif deebiin kennamuus dubbataniiru.

Waltajjiin kunis magaalaa Adaamaatti guyyoota 2f kan itti fufu ta'a.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015