Godina Baaleetti Balaa Tiraafikaatiin Lubbuun Namoota 13 Darbe

62

Gobbaa Waxabajjii 10/2011 Godina Baaleetti kaleessa galgala balaa konkolaataa qaqqabeen lubbuun namoota 13 battalatti darbuusaa waajjirri poolisii aanaa Diinshoo ibse.

Itti gaafatamaan waajjirichaa Inispeektar Zallaqaa Baliyyuu tajaajila oduu Itiyoophiyaaf akka himanitti balaan kun kaleessa dhiha keessaa sa’aatii 12tti kan qaqqabe ganda hoomaa jedhamee beekamuttidha.

Balaan kun kan qaqqabe Shaashamannee irraa gara magaalaa Baalee Roobee namoota fe’ee deemaa kan ture konkolaataan miinii baasiin Doolfiinii lakkoofsa gabatee 3-35653 Oro ta’e Shaashamannee irraa gara magaalaa Baalee Roobee deemaa ture daandii gadi dhiisee ba’uudhaan konkolaataa  Siinootiraakii lakkoofa gabatee 3-85653 ET Roobee irraa Finfinnee deemaa ture jala seenuudhaani.

Inispektar Zallaqaan akka jedhanitti balaa kanaan namoota 17 irratti balaan lubbuu fi miidhaa olaanaa qaqqabeera.

Balaa tiraafikaa kanaan lubbuun namoota 13 battalatti kan darbe yoo ta’u, namoonni balaan cimaan irra ga’e afur yaaliidhaaf Finfinnee ergamuusaanii dubbataniiru.

Akka ibsa Inispektar Zallaqaatti naannawa balaan kun itti qaqqabetti teessuma daandiirraa kan ka’e waanti si’aayina hir’isu waan hin jirreef balaa irra deddeebi’ee mudatuun lubbuu namaa fi qabeenyarra balaan ga’aa jira.

Balaa kanaaf qaamoleen mootummaa sadarkaan jiranii fi dhimmi ilaallatu furmaata akka kennan gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015