Karaan Dirredawaa Dawwallee Baasii Birrii Biiliyoona 5 Tuqaa 2n ijaarame eebbifame

55

Waxabajji 9/2011 Karaan  kafaltii  Dirredawaa Dawwallee baasii Birrii biiliyoona 5 tuqaa 2 ijaarame har’a eebbifamee hojiitti galeera.

Sirna eebbaa kanarratti hooggantoonni mootummaa olaanoo fi pirezidaantiin Jibuutii Ismaa’el Oomar Giilee argamaniiru.

Karaan fageenya kiilomeetira 220 uwwisu kun karaa saffisaatti Finfinnee-Adaamaatti aanuun karaa kafaltii isa lammataati.

Baasiin ijaarsa kanaa dhibbantaa 85 baankii liqii Chaayina Egzim tii argame yoo ta’u, hafteen isaa dhibbantaan 15 mootummaa Itiyoophiyaan cufame.

Karaan Dirredawaa dawwallee duraanii karaa sadarkaa cirrachaa  kan ture yoo ta’u, kunis yeroo garaagaraatti balaan lolaa fi foxxoqina lafaa mudachuun hojii tiraafiikaa danquurra darbee konkolaatota miidhaa garaagaraaf saaxilaa ture.

Ministerri geejjibaa aadde Daagmaawwit Mogos akka ibsanitti abbaan taayitaa daandiiwwan Itiyoophiyaa pirojektoota karaaf hordoffii dhiyoo taasisuun deeggaraa jira.

Karaan kun sadarkaa ashawaatiin yeroo turetti imalaaf sa’atii 10 fudhataa kan ture amma kan ijaarame kun kara sa’atii 4 gad buteera.

Dabalataan yeroo ammaa kana tajaajila olaanaa kennaa kan jiru karaan Adaamaa Awaash Galaadii irratti rakkoon tiraafiikaa ga’aa ture kan salphisu ta’uu eeraniiru.

Karaan kun ollaa keenya kan taate doonii Jibuutii waliin kan wal quunnamsiisu waan ta’eef, daldalaa fi walitti dhufinsa fi ummata biyyoota lameenii caalaatti kan cimsu ta’uusaa ibsameera.

Bara 2007 A.L.I kubbaaniyaa Chaayinaa SIJISIN karaan jalqabame kun yeroo qabameef waggaa 4 keessatti xumurameera jedhan.

Sirna eebba karaa kanaarratti kan argaman bulchaan itti aanaa pirezidaantii naannoo Sumaalee Musxafee Mahaammad ijaarsi karaa kanaa kaayyoo kaayyeffameef galmaan ga’uuf ummanni naannawichaa nageenya isaa eeguu akka qaban hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015