Bakka buutota ummata godina Baalee waliin kaleessa magaalaa Roobeetti mari'atame

150

Finfinnee Waxabajjii 08/2011 Bakka buutota ummata godina Baalee waliin kaleessa magaalaa Roobeetti mari'atame.

Maricharatti itti aanaan prezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, itti gaafatamaan Waajjira Giddugaleessaa ODP obbo Addisuu Araggaa, hoggansi sadarkaa naannoo fi godina Baalee, akkasumas bakka buutonni ummata godinichaa argamaniiru.

Obbo Shimallis Abdiisaa Itti Aanaa preezadaantii Motummaa Nannoo Oromiyaa ergaa dabarsaniin gaaffiileen misoomaa hunduu duraa duubaan deebii akka argatu gochuuf tokkummaa cimsuun murteessaa dha jedhaniiru.

Dinagdee Oromiyaa guddisuuf mootummaan xiyyeeffannoo addaan hoojjechaa akka jirus eeraniiru.

Hawaasni keenya ijaaramee halkanii fi guyyaa cimee hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.

Obbo Shimallis gaaffiileen misoomaa hunduu duraa duubaan deebii kan argatan ta'uu ibsanii, kana gochuuf ammoo tokkummaa cimsuun murteessaadha jedhaniiru.

Obbo Addisuun gama isaaniitiin dhimmi ijoon yeroo ammaa injifannoo argame waldhageettii fi walhubannaan of harka tursuu fi hiyyummaa mo'achuun diinagdeedhan guddachuu ta’uu qaba jedhaniiru.

OBN damee godina Baalee magaalaa Roobeetti ijaarramuuf dhagaa bu'uuraa kaa'amee, tamsaasni FM 96.5 magaalaa Gobbaatti ijaarrame ebbifamee hojii eegaleera jechuun kan gabaase biiroo dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015