Bakka buutota uummata godina Baalee waliin kaleessa mari'atame

60

Waxabajjii 08/2011 Bakka buutota uummata godina Baalee waliin kaleessa magaalaa Roobeetti mari'atame.

Maricharatti itti aanaan preezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, itti gaafatamaan Waajjira Giddugaleessaa ODP obbo Addisuu Araggaa, hoggansi sadarkaa naannoo fi godina Baalee, akkasumas bakka buutonni ummata godinichaa argamaniiru.

Itti Aanaan preezidaantii Motummaa Nannoo Oromiyaa ergaa dhaamaniin gaaffiileen misoomaa hunduu duraa duubaan deebii argatu kana gochuuf tokkummaa cimsuun murteessaa dha jedhan.

Diinagdee Oromiyaa guddisuuf mootummaan xiyyeeffannoo addaan hoojjechaa akka jirus eeraniiru.

Hawaasni keenya ijaaramee halkanii fi guyyaa cimee hoojjechuu akka qabu dhaamaniiru.

Obbo Shimallis gaaffiileen misoomaa hunduu duraa duuban deebii kan argatan ta'uu ibsanii, kana gochuuf ammoo tokkummaa cimsuun murteessaa dha jedhaniiru.

Obbo Addisuun gama isaanitiin dhimmi ijoon yeroo ammaa injifannoo argame waldhageettii fi walhubannaan of harka tursuu fi hiyyummaa mo'achuun diinagdeedhan guddachuu ta’uu qaba jedhaniiru.

OBN damee godina Baalee magaalaa Roobeetti ijaarramuuf dhagaa bu'uuraa kaa'amee, tamsaasni FM 96.5 magaalaa Gobbaatti ijaarrame ebbifamee hojii eegaleera. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015