Lakkoofsi Ummataa Fi Manaa Waggaa Tokkoof Dheerateera

91

Finfinnee Waxabajjii 3/2011 lakkoofsi ummataa fi manaa Itiyoophiyaa 4ffaan waggaa tokkoof akka dheeratu bakka bu’oonni ummataa fi manneen maree federeeshinii walga’ii addaa adeemsisaniin murteessan.

Wal ga’iin 5ffaa mana mare bakka bu’oota ummataa fi mana mare federeeshinii  bara hojii 4ffaa wal ga’iin addaa waliinii 3ffaa har’a adeemsifameera.

Manni mare bakka bu’oota ummataa fi manni maree federeeshinii 5ffaa bara hojii waggaa 4ffaa walga’ii addaa waliinii 3ffaa har’a adeemsifameera.

Manneen maree kunneen lakkoofsa ummataa fi manaa 4ffaa yeroo lammaffaaf dheeressuuf haala heera mootummaa fooyya’aa keeyyata 103 yaada  murtii dhiyaate qorachuun sagalee caalmaan raggaasiseera.

Miseensonni manneen maree kanaa yaada murtii dhiyaate irratti marii bal’aa erga taasisanii booda dha lakkoofsi kun akka dheeratuuf kan murteessan.

Murtiin kun kan ragggaasifame mormii 30, dhorka sagalee 3 fi sagalee caalmaani dha.

Marii kanarratti lakkoofsi kun waggaa tokkoo ol yeroo hin murtoofneef haa dheeratu kan jedhuu fi yeroo ammaa kana haalli nageenyaa jiru fooyya’insa waan agarsiiseef ji’oota 6f qofa haa dheeratu yaadni mormii jedhu dhiyaatee marii bal’aan erga taasifamee booda waggaa tokkoof haa dheeratu kan jedhuun ragga’eera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015