Godina Qeellem Wallaggaatti Dargaggoota Kuma 29 ol Hojiitti Galchuuf Hojjetamaa Jira

87

Waxabajji 3/2011 Godina Qeellem Wallaggaatti ji’oota lamaan dhufanitti karoora addaatiin dargaggoota kuma 29 caalan hojiitti galchuuf hojjetamaa akka jiru waajjirri interpiraayizootaa fi misooma industirii godinichaa beeksise.

Waajjirichatti abbaan adeemsa hojii ijaarsa dandeettii obbo Ayyaalew Akkumaa akka beeksisanitti, naannichatti mootummaan karoora addaatiin godinichatti ji’oota dhufan lamaanitti dargaggoonni hoji-dhabeeyyii kuma 29 fi 270 interpiraayizoota kuma 2 fi 867tti gurmaa’anii hojiitti akka galan ni taasifama.

Dargaggoonni kunneen hojiiwwan manufaakcharingii, qonna, furdisa loonii, daldala, tajaajila, albuudaa fi agiroopirosesiingii xixiqqaan bobbaasuuf dhiyeessiin liqii Birrii miiliyoona 148 fi kuma 260 mijeeffameera.

Karoora kana galmaan ga’uuf konfiransiin sadarkaa godinaa, aanaa fi gandaatti  mana maree interpiraayizootaa fi misooma industiriitiin kan adeemsifame yoo ta’u, hunduu sadarkaa irra jirutti xiyyeeffannoo addaa kennee akka socho’u kallattiin kaa’ameera.

Hoogganaan waajjira interpiraayizootaa fi misooma industirii aanaa Laalooqilee obbo Tsaggaayee Gammachuu akka dubbatanitti,  haala karoorichaan aanichatti ji’oota lamaan dhufanitti dargaggoota kuma 2 fi 539 hojiitti akka galaniif hojiin mijeessa liqii Birrii miiliyoona 16, kuma 898 fi 500 hojjetamaa jira.

Hoogganaan waajjira interpiraayizootaa fi misooma industirii magaalaa Danbidoolloo obbo Mulaatuu Leellisaa ``ji’oota dhufan lamaan keessatti dargaggoonni hoji-dhabeeyyii kuma 1 fi 400 fayyadamtoota carraa hojii ta’u`` jedhan.

Godina Qeellem Wallaggaatti ji’oota kurnan darbanitti hoji-dhabeeyyiin kuma 6 fi 435 gurmaa’anii hojiitti galuu isaanii fi tajaajilli liqii Birrii miiliyoona 18 fi  kuma 596, akkasumas lafti heektaara 268 bakka oomishaa fi gurgurtaa isaanii kennamuun isaa beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015