Muummichi Ministiraa Doktar Abiyyi Ahmad Aksum Galan - ENA Afaan Oromoo
Muummichi Ministiraa Doktar Abiyyi Ahmad Aksum Galan
138
Waxabajji 3/2011 Muummichi ministiraa doktar Abiyyi Ahmad har’a ganama bulchiinsa naannoo Tigiraay magaalaa Aksum galaniiru
Doktar Abiyyi buufata xayyaaraa Aksum yeroo ga’an itti aanaan pirezidaantii mootummaa naannoo Tigiraay doktar Dabratsiyoon Gabramikaa’eelii fi hooggantoonni biroon simannaa taasisaniiruuf.
Muummichi ministiraa siidaa Aksum kan daawwatan yoo ta’u, yeroo turtii isaaniitti rakkoo Yunivarsiitii Aksum keessatti uumame ilaalchisee marii ni taasisu jedhamee eegama.
Akkasumas jiraattota naannawaa waliinis marii akka taasisan ni eegama.
Itaamaajoor shumii ittisa biyyaa jeneraal Sa’aaree Makonnonis muummicha ministiraa waliin Aksumiin galuun isaanii beekameera.