Jaarraa Har'a Keessa Jirrutti Nama Barateen Ala Bu'aa Galmeessisuun Hin Danda'amu---Obbo Shimallis Abdiisaa Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

68

Finfinnee Waxabajjii 1/2011  Jaarraa har'a keessa jirrutti nama barateen alatti bu'aa galmeessisuun akka hin danda'amnee fi barumsi furtuu waan hundaa akka ta'e itti aanaan pirezidaantii mootummaa naannoo oromiyaa ibsan.

Itti aanaan pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa qormaata barattootaa kan kutaa 8ffaa, 10ffaa fi 12ffaa baranaa ilaalchisuun ergaa dabarsaniin akka jedhanitti, barattoonni qormaatichaaf xiyyeeffannoo kennanii karaa naamusa qabeessa ta'een tasgabbaa'anii hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Haala qabatamaa Addunyaanis ta’e, kan biyya keenyaan jaarraan amma keessa jirru kun humna nama baratee malee milka’uu hin danda’u furtuun waa hundaa beekkomsa ta'uu ibsi kun ni agarsiisa.

Barana Naannoo koromiyaatti barattoonni miliyoona tokkoo ol qormaata kutaa 8ffaa ,10ffaa fi 12ffaa fudhachuuf qophaawaa jiraachuu ibsa kanaan ka eeran pirezidaantiin itti aanaa kun, lakkoofsi amma biyyaa gahu kun Oromiyaa kaleessa kumaa kitilli wareegamaniif imaanaa isaanii galmaan gahuun Oromiyaa hardhaa fi dhaloota boruuf taatu, Oromiyaa gama diinagdee,hawaasummaa fi siyaasaan guddatte ijaaruuf akkasumas qaroomina addunyaa faana tarkaanfachuuf isin dhaloota carroome waan taataniif baga gammaddan jedhaniiru.

Guyyaan kun guyyaa barattoonni Jireenya isaanii keessatti boqonnaa tokko xumurtanii boqonnaa isa itti aanu kan  ittiof  jijjiiran, maatii isaaniif abdii itti ta'anii fi naannoo fi biyyaisaaniif  ammoo waan gaarii yaadanii waan gaarii hoojjechuuf itti of qopheessan ta'uu eeraniiru.

Guyyaan Qormaataa  tarkaanfii jireenyaa isa itti aanutti ga’uumsaa fi ofitti amanamummaa cimaan kan itti darbanidhas jedhaniiru.

Qophii hamma ammaa taasisaniin  sirritti qo’atanii waan itti qophaa'an qormaata isaanii qofaaf xiyyeeffannoo kennuun naamusa cimaa fi tasgabbiin raawwachuu qabu kan jedhan obbo Shimallis,  haaldureewwan meenshaa fi xin sammuu sirritti mijjeeffachuu, qajeelfamoota sirna barnootaa hordofuu, yeroon iddoo qormaataatti argamuun,  waan ifa hin tahiin dursa gaafachuun, miira gammachuu fi ofitti amanummaan qormaatatti galanii injifannoon akka bahatan abdii guddaa isaanirraa akka qaba eeraniiru.

Qormaata walii dabarsuus tahe walirraa gara galchuu fi hatuun dhaloota ajjeessuu waan taheef gocha akkanaarraa ofii bilisa tahuun gochoota akkasii yoo argaanis akka saaxilan dhaamaniiru.

Maatiin barattootaa fi Barsiiftoonni  walumaa galatti hawaasni barnootaa hundi qormaanni barataa miliyoona 1 olii milkaawe jechuun barataan miliyoona 8 ol barnootarra jiru milkaawe jechuudha, barataan kun hundi milkaawe jechuun Oromoo fi Oromiyaan milkaawan jjechuu waan ta’eef  dadhabbiin isaanii waggaa dheeraa akka galma ga’u gama naamusaa fi nageenyummaa qormaataatiin barattootaisaanii gorsaa fi deeggaraa, nageenyummaa naannoo qormaanni itti kennamuu eeguun tums gama isaanii akka taasisan waamicha isinii dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015