Magaalaa Buraayyuutti Meeshaan Waraanaa Seeraan Alaa Raawwattoota Yakkaa Waliin Qabame

92

Caamsaa 30/2011 Magaalaa Buraayyuutti Odeeffannoo Biyyaalessaa, human nageenyaa magaalaa Buraayyuu fi hirmaannaa ummataatiin duula adeemsifameen meeshaan seeraan alaa gocha yakkaaf ooluuf ture to’annaa jala ooluusaa dameen nageenyaa magaalichaa beeksise.

Itti gaafatamaan dame nageenyaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuu  Komishinar Salamoon Taaddasaa tajaajila oduu Itiyoophiyaaf akka himanitti, meeshaan waraanaa gochaa yakkaaf ooluuf ture to’annaa jala kan oole har’a barii keessaa hawaasni, poolisiin magaalaa odeeffannoon biyyaalessaa fi dameen nageenyaa magaalichaa waliin qindaa’uun duula taasisaniini.


Duula kanaan Shugguxoonni addaddaa 148 fi rasaasni kuma sadii fi 844 namoota lama waliin to’annaa jala ooluusaanii komishinarichi hubachiisaniiru.


Nageenya magaalattii eegsisuuf hawaasni deeggarsasaa cimsee akka itti fufu waamicha kan dabarsan komishinar Salamoon, dameen nageenyaa magaalaa Buraayyuu nageenya magaalattii mirkaneessuuf hawaasa karaa hirmaachiseen duula adeemsisu akka itti fufu dubbataniiru.


Kaleessa duula wal fakkaataa magaalaa Buraayyuutti adeemsifameen abbaa torbee jechuun kan beekamuu fi gareen nageenya hawaasaa jeeqaa turee fi namoonni afur uffata ittisa biyyaa maadaabaraa lama waliin fi meeshaalee biro waliin to’annaa jala ooluusaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015