Manni Maree Tasgabbii Gamtaa Afriikaa Sudaan Miseenssummaa Gamtichaarraa Ittise

128

Caamsaa 29/2011 Manni maree nagaa fi Tasgabbii gamtaa Afriikaa wal ga'ii ariifachiisaa adeemsiseen Sudaan miseenssummaa gamtichaarraa ittise.

Loltoonni Sudaan mormitoota nagaarratti tarkaanfii fudhataniin namoonni dhibba tokkoo ol akka du'anii fi namoota dhibba shanii ol miidhaan akka irra ga'e himamaa jira.

Mootummaan biyyattii amma ammaatti lakkoofsi namoota du'anii 61 akka hin caalle dha karaa ministeera eegumsa fayyaa kan beeksise.

Guyyaa har'aa haala yeroo Sudaanii irratti kan mari'ate manni maree nagaa fi tasgabbii gamtaa Afriikaa Sudaan gamtaa miseensummaa irraa kan ittise yoo ta'u, ittifni kun biyyattiitti mootummaan siviilii amma hundeeffamutti kan turu ta'a jedhameera.

Manni maree kun haala biyyattiin keessa jirtu keessaa karaan keessaa itti ba'uun danda'amu mootummaa siviilii hundeessuun qofa akka ta'e 'BBC'n gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015