Sochii Diinagdee Fi Hawaasummaa Keessatti Rakkoo Nageenyaa Furuu Fi Olaantummaa Seeraa Kabachiisuun Murteessaa Ta’uun Ibsame

116

Gimbii Caamsaa 29/2011 Adeemsa sochii diinagdee fi hawaasummaa keessatti rakkoon nageenyaa Kallattiii ttiin furamuu danda’uu fi  hirmaannaa ummataa cimsuun

ol’aantummaa seeraa kabajchiisuun dhimmi xiyyeeffannoon kennamuufii qabu ta’uun ibsame.

Itti aanaan Pirezdaantii MNO Obbo Shimallis Abdiisaa haala nageenyaa fi misoomaarratti hooggantoota godinaalee Wallagga arfanii waliin Magaalaa Gimbiitti marihataniiru.

Rakkoo nageenyaa hundeerraa furuun nageenya ummataa eeguun dirqama

mootummaa waan taheef hooggansi mootummaa nageenyi waaraan akka mirkanaawu Kutannoon Hoojjechuu akka qaban itti aanaan Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa himanii jiru.

Humnoota hidhannoon sochoowuun nageenya ummataa booreessuun sochiiidilee danqan ummanni of keessaa saaxilee akka baasu, Ummatarras miidhaan akka hin geenye hooggansi ga’ee adda durummaa bahachuu akka qabuus dubbataniru.

Rakkoowwan gama bu’uraalee misoomaa waliin walqabatee wallagga afran keessa jiru mootummaan adda baasee xiyyeeffannoon irratti hoojjechaa akka jiru Obbo Shimallis himaniiru.

Gaaffiiwwan misoomaa ummanni keenya qabu hunduu jala jalaan kan furaman yoo tahu, ummanni tumsa hojiilee misoomaarratti taasisu cimsee akka itti fufu adeemsa jiru hundumaa keessatti ummata hirmaachisaa deemuun akka barbaachisuus dhaamaniiru Obbo Shimallis Abdiisaa.

Sochii Oromiyaa waa hundaan guddatte ijaaruu keessatti qindoominni hooggansaa fi ummataa murteessaadha kan jedhan Obbo Shimallis gama Kanaan hawaasni keenya tokkummaa isaa cimsuun duula hiyyummaarratti eegalame galmaan gahuuf halkanii fi guyyaa hoojjechuuakka qabuus ergaa dabarasaniijiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015